Xurree ittiin seenan

Reeffi Nama Haleellaa Masjiida London Keessatti Du’ee Argame

  • VOA

Reeffi Nama Haleellaa Masjiida London Keessatti Du’ee Argame

Haleellaa masjiida irratti raawwatameen booda poolisiin London kan umuriin waggaa 51 Makram Ali har’a argee jira.

Poolisiin akka jedhetti namni kun kan du’e haleellaa torban darbe magiida irratti raawwatameen miidhaa hamaa irra ga’eeni.

Namni konkolaataa oofu tokko namoota Masjiida London keessaa ba’an rukutuu isaa dura namni kun dhukkubsataa ture.

Ibsi poolisii London akka jehutti Aliin kan du’e miidhaa hamaa irra ga’een yoo ta’u, garuu dhukkuba durumaan qabu ykn konkolaataa sanaan balaa irra ga’een du’uun isaa hin beekamiin jira.

Aliin nama gaa’ila qabuuf abbaa ijoollee ja’aa ture. Banglaadeesh irraa gara Briteenitti kan godaan umurii isaa waggaa kudhanitti ture.

Maatiin isaa akka jedhanitti nama nagaa fi diina tokko iyyuu kan hin qabaanne. Haleellaa sanaan namoonni 11 ka biroon miidhaan irra ga’ee jira.

XS
SM
MD
LG