Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ehamni Midrok-Gold Ka Laga Dambii Haaressamuun Mormii Uuumataa Kakaase


Ehamni Medrok-Gold Ka Laga Dambii Haaressamuun Mormii Uuumataa Kakaase
Ehamni Medrok-Gold Ka Laga Dambii Haaressamuun Mormii Uuumataa Kakaase

Proojektii albuuda Warqee Laga Dambii baasuutti ka waggoota hedduuf bobba’ee ture – dhaabbata Medrok-Gold jedhamuuf, ehamni waggoota kudhan ka biraaf haaressamuu mormuudhaan godinaalee Gujii Bahaa fi Lixaatti, akkasumas, godinaalee naannoo Oromiyaa ka biroo keessatti hiriirri geggeessamuu isaa uummatnii fi hoogganoonni dhaaba mormituu nuuf ibsanii jiran.

Dhaabbatni MIDROK, yeroo albuuda Warqee Laga Dambiitti baasaa turetti, keemikaaloota fayyaa uummataa fi beeyladaaf bala’amoo tahanitti waan fayyadamuuf uummatni naannoo sana jiraatu hir’ina qaamaa fi dhukkuba adda addaaf saaxilamuu isaa akkasumas, dhaabbatichi yeroo waggootaaf albuuda qaalii kana achi irraa guurrataa turetti proojektii uummata warra lafaa fayyaduu fi jireenya isaanii jijjiiru akka gad hin dhaabiin uummatni naannoo deeddeebisee komataa ture. Akka ehamichi hin haaromsamne illee deddeebisanii iyyachaa turuu isaanii dubbatu, jiraattonni. Bakkawwan har’a hiriirri itti geggeessame keessaa, bakka tokko tokkotti humnoota mootummaa wajjiin walitti-bu’insi uumamuu illee dubbatanii jiran.

Dhimma investimantii warqee “Midrock Gold” kan godina Gujii aanaa Shaakkisoo Lagadambiitti argamuun walqabatee komii hedduun ka’aa jira, jechuun kan har’a ibsa baase Waajirri dhimmota Koomiyunikeeshinii mootummaa Godinaa Gujii, “Sochiin invastimantii kamiyyuu faayidaa ummata keenyaa kan mirkaneessu ta’uu akka qabu amantaa cimaa qabna. Haaluma kanaan, komii haaromfamuu konitraata invastimantii Midrock Gold waliin walqabatee ka’aa jiru ummata keenya dhaggeeffannee rakkoo ka’aa jiru qulqulleessuun akka furamu taasisuun fayyadamummaa ummata keenyaa mirkaneessuuf ni hojjenna.” Jehee jira.

Itti-fuuudhaanis, “Ummatni keenya, kan godina Gujiis ta’e Oromiyaa guutuu keessa jiru komii dhiyaachaa jiru xiyyeeffannoo ol’aanaadhaan hordofaa akka jirru hubatee obsaa fi tasgabbiidhaan akka nu eeggatuu dhaamsa keenya dabarsina” jedhe.

Itti-gaafatamaan sab-qunnamtii fi dhimma dargaggootaa Koongiresa Federaalawa Oromoo – Obbo Addisuu Bullaallaa garuu, “ibsi kun fudhatama hin qabu. Mormiin proojektii Medrook kan har’a jalqabe miti. Mootummaan Federaalaas tahe ka naannoo otuma beekanii kontiraaticha Medrookiif. Amma immoo gowwoomsaaf ibsa baasan. Uummatichaaf tuffii isaan qaban agarsiisa,” jedhu.

Gabaasaa guutuu dhaggeeffadhaa.

Ehamni Medrok-Gold Ka Laga Dambii Haaressamuun Mormii Uuumataa Kakaase
please wait

No media source currently available

0:00 0:12:18 0:00

XS
SM
MD
LG