Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ehamni Midrook Ugguramuu Qofti Ga’aa Miti: Jiraattota Magaalaa Adoolaa Wayyuu


Faayilii - Mormii aanaa Gooroo Doolaa tti guyyaa harraa gaggeeffame
Faayilii - Mormii aanaa Gooroo Doolaa tti guyyaa harraa gaggeeffame

Godina Gujii bahaa magaala aAdoolaa Wayyuu keessatti torban kana mormii qotuu warqee laga danbiin wal qabatee namoonni madaa’uu fi du’uu gabaasuun keenya ni yaadatama.

kantiibaa magaalaa Adola Wayyuu obbo Caalaa Waaree to’annaa jala ooluun isaanii illee gabaasameera. Erga eeyamni Midrook ugguramuun labsamee as haalli naannoo Sanaa maal akka fakkaatu jiraataa magaalattii fi miseensa poolsii godina gujii bahaa haasofsiisnee jirra.

Uummati magaalattii eeyamni Midrook ugguramuu qofti nu hin gammachiisu. Miidhaa uummata irra ga’eef gumaan barbaachisu ba’ee gara fuula duraatti kampaniin kun deebi’ee hojii akka itti hin fufneef wabiin hin jiru jedhan. yeroof ugguramuun gaarii dha garuu eeyamni kun hin haqamne taanaan waanti uummata gammachiisu hin jiru jedhaniiru.

Gama biraan VOAf waa’ee ajjeechaa fi mormii Adoolaa Wayyuu keessatti ka’ee kan ibsan itti aaaa kantiibaan magaalattii obbo Caalaa Waree to’annaa jala oolan. Obbo Caalaan waa’ee haala magaalattii sabaa himaaf ibsuu hin qabdu jedhamuun to’annaa jala ooluu isaanii miseensi poolisii godina Gujii nuuf ibsaniiru.

Ehamni Midrook Ugguramuu Qofti Ga’aa Miti: Jiraattota Magaalaa Adoolaa Wayyuu
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:16 0:00

XS
SM
MD
LG