Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gabaasaa dhaabileen mirga namoomaa dhiheessan irratti Gutereez yaada kennan


Barreessaa muummee mootummoota gamtoomanii, Antoniyoo Gutereez (suuraa faayilii)
Barreessaa muummee mootummoota gamtoomanii, Antoniyoo Gutereez (suuraa faayilii)

Gabaasinni konishiiniin mirgaa namoomaa adduunyaa fi komishiiniin mirga namoomaa Itiyoophiyaa waloodhaan dhiheessan , warren walwaransaa keessaatti qooda fudhatan hunduu seeraa mirga nammaa, seera namoomaa fi seeraa baqattootaa cabsuu isaanii akka agarsiisu Barreessaan muummee mootummoota gamtoomanii Antoniyoo Gutereez, hubachuu isaanii akka himan , dubbi himaan dhaabbata mootummoota gamtoomanii Farhaan Haq ibsaniiru.

Labsii yeroo atattamaa mootummaan Itiyoophiaa gidduu kana baasee dabalatee haallii ammaa biyyatii keessatti mul’achaa jiru sarbiinsii mirgga namoottaa akka dabaluu kan taasisuudha jechuun isaanii ibsameera.

Karaa biraatiin, Antooniyoo Guuterees, haalaa muddamaa yeroo ammaa Itiyoophiyaa keessaa jiruu laafisuudhaaf akkataa mareen taasifamu irratti muummee ministeeraa Itiyoophiyaa Abiy Ahimad wajjin akka dubbatan fuulaa tiwuutarii isaanii irrati ibsaniiru.

Walwaraansi dhaabbatee akka mariin taasifamu dhaabanii isaanii akka fedhii qabu kan ibsan Gutereez, dhimma namoottan gargaarsa baraarsa lubbuu barbaadanif haala mijeessuudhaaf itti gaafatamann gargaarsaa mootumoota gamtoomanii Maartiin Girift haalaa Itiyoophiyaa daawwatan irratis muumee ministeeraa waliin haasa’uu isaanii ibsaniiru.

XS
SM
MD
LG