Xurree ittiin seenan

Breaking News

Uhuuruu Keniyaataa Mootummaadhaa fi Ummata Itiyoophiyaaf ergaa dabarsuun himame


Prezidaantii Keeniyaa Uhuruu keeniyaataa (suuraa faayilii)
Prezidaantii Keeniyaa Uhuruu keeniyaataa (suuraa faayilii)

Prezidaantiin keeniyaa Uhuruu keeniyaataa , hookorri Itiyoophiyaa keessatii baballachaa adeemaa jiru dhaabatee akka mariin jalqabu gaafachuu isaanii daarekteerri Dhaabata gargaarsaa aduunyaa U.S/ USAID Samanntaa Paawer fuulaa Tiwuterii isaanii irratti ibsaniiru.

Akka bareeffamnii waajira prezidaanti keeniyaa iraa bahe jedhutti, hookkori amma guutummaa biyyatitti baballachaa adeeme akka fala argatuu hoggantootaa biyyoottan Afrikaa, hoggantootaa biiyootan U.S, Biriteen, Faransaay , Gamtaa Awuroopa waliin dubbachuu isanii ibseera.

Haalii adeemaa jiruu akka isaanii jeeqee kan ibsan Prezidaantiin keeniyaa lammiileen Itiyoophiyaa Dhiiraa fi dubartiin fala karaa nagaa waloodhaan akka barbaadan gaafataniiru.

Waltti dhukaasuun atattamaan dhaabatee akka mariin jalqabamu kan gaafatan Keniyaatan, adduunyaan, Afrikaa fi biyyi isaanii Keniyaan Itiyoophiyaa naga qabeetti arguu barbaadu. Guyyaan har’aa guyyaa adeemsaa karaa nagaa itti jalqabnu ta’u qaba.Hundi keenyaa yaalii Itiyoophiyoonii taasisan gargaaruudhaaf dhaabbanee jirra jedha xalayaan Uhuruu keeniyaataa mootummaadhaa fi Ummata Itiyoophiyaatif barreesan.

XS
SM
MD
LG