Xurree ittiin seenan

Breaking News

Labsiin yeroo atattamaa mana maree bakka bu’ootaatiin ragga’eera


Mana maree bakka bu'oota uummataa (suuraa faayilii)
Mana maree bakka bu'oota uummataa (suuraa faayilii)

Yeroo ammaa balaa biyyatti muudate jiruu seeraa idileetiin too’achuun rakkisaa ta’eera jechuudhaan labsiin yeroo atattamaa manii maree ministiroota Itiyoophiyaa baase mana maree bakka bu’oota biyyatin ragga’eera.

Mannii marichaa yaa’ii guyyaa har’aa taasiseen labsicha raggaasisuu isaa kan ibsee gabaasin Kenedii Abaatee labsiin kun, ji’a jahaaf akka guutummaa biyyatiitti ojii irra ooluuf deemu miseensotaa torbaa akka of keessaa qabu beeksiseera.

Koreen labsichaa olaantumaadhaan raawwachiisu ajajaa ajajootaa waraanaa biyyatiin eneraal kan ogganamu akka ta’ee labsichii ibseera. Ajajaan ajajootaa waraana biyyaatii yeroo ammaa Jeeneraal Biraanuu Juulaa akka ta’n nibeekama.

XS
SM
MD
LG