Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godaantonni Lammowwan Itiyoophiyaa 160 Tahan Yaman’rraa Xayyaaraan Finfinneetti Deebisaman   


Godaanota Itoophiyaa buufata IOM gadhiisanii bahuuf qoqobaahan, Aden, Yaman, Ebla 13, 2021. ,
Godaanota Itoophiyaa buufata IOM gadhiisanii bahuuf qoqobaahan, Aden, Yaman, Ebla 13, 2021. ,

Jaarmayaan Dhimma Baqattootaa Idiladdunyaa, IOM, kanneen baatiileef Yemen keessatti danqamanii gidiraa hamaa keessa turan – godaantonni lammiwwan Itiyoophiyaa 160n , kaleessa xayyaaraan, Aden irraa gara Finfinneetti deebifaman, jedha.

Akka gabaasaan Dhaabanni adduunyaa dhimma godaantotaa irrati hojjatu IOM jedhetti, namoonni kun kan karaa dhaabatichaa biyyatti deebi’an, eraga bidiruun jara seeraan ala godaanttota daddabarsanii tokko namota 60 fe’ee Yaman irraa gara Gaanfa Afrikaatti deemaa jiruu galaanaa keessatii garagaludhaan daa’imman dabalatee lubuu namoota 42 galafatee booda.

Biyyottan Gaanfa Afrikaa akka Somaalee fi Itoophiyaa irraa rakkina adda addaa baqachuudhaan namoonni kumaatamaan lakkawaman imala lubbuu isaaniif sodaachisaa ta’e keessa karaa yamaniin qaxxaamuranii gara biyyoota akka Saa’udii Arabiyaafaa deemuu yaalu.

Gabaasaa guutuu caqasaa.

Godaantonni Lammowwan Itiyoophiyaa 160 Tahan Yaman’rraa Xayyaaraan Finfinneetti Deebisaman
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:58 0:00



XS
SM
MD
LG