Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hariiroo Yunaaytid Isteetes fi Chaayinaa


Waajiira qonsilaa Chaayinaa
Waajiira qonsilaa Chaayinaa

Waajiira qonsilaa kan Chaayinaa inni sa Fraansiiskoo keessa jiru ogeetti saayinsii kan waraana Chaayinaa waliin hidhata qabduuf dahannaa ta'u isaa abbaan alangaan Yunaaytid Isteets dubbatanii jru.

Ynivarsitii Kaaliforniyaa is Deevis keessa jiruutti qorqttuu kan taate Taang Ju'aan vizaa kan ilaaleen Waxabajjii 26 himatamtee jirti.

Waraqaaleen mana murtii akka agarsiisanti Taang vizaaf yeroo iyyatteetti waraana bilisummaa uummata Chaayinaa waliin qunnamtii hin qabu jettee turte.

Booda garuu tiki biyooleessaa mana ishee sakata'ee suuraa isheen uuffata waraana Chaayinaa uffattee kaate arge.

Kana malees Yunivarsitii wal'ansa fayyaa kan humna qilleensa Chaayinaa keessa qorattuu ta;uun hojjachuu ishee odeeffannoo argatan

XS
SM
MD
LG