Xurree ittiin seenan

Breaking News

‘Hiyumaan Raayiytis Waach’ Dararaa Mana Hidhaa Naannoo Somaalee Keessatti Geggeessamu Iaachisee Gabaasaa baase


Feeliks Hoorn

Bulchiinsa naannoo Somaalee, mana hidhaa “Ogaaden” jedhamu keessatti, namoonni seeraa-ala qabamanii hidhaman gidirfamaa jiru, jechuudhaan gareen mirga dhala-namaaf falmu – Hiyuumaan Raayits Waach, gabaasaa har’a baaseen beeksisee jira. Dararaa raaw’aame kana keessaa qaamonni mootummaa akka harka qaban illee gabaasaan kun eeree jira.

Hiyuumaan Raayits Wachitti, qorataan dhimma Gaanfa Afrikaa – Felix Horn, haalli hidhaa bulchiinsa naannoo Somaalee keessaa, ka bakka kaanii irraa adda tahuu dubbatu.

“Haalli naannoo Somaalee keessaa haga tokko adda dhaf. Ol’aantummaan seeraa keessa hin jiru. Hidhamotoota duraanii toorbaatama haasofsiisne keessaa, namoota afur qofa tu mana-murtiitti dhihaate,” jedhan.

Qaamoonni itti gaafatamtoota mana-hidhaa Ogaaden tahan, gidiraa hamaa achi keessatti geggeessamuuf itti gaafatamtoota tahuu ennaa ibsanis, “namoonni dararaa mana hidhaa Ogaaden fi bal’eensa bulchiinsa naannoo Somaalee keessatti raaw’atameef geggeeffamoo tahan, sadarkaa gadii irraa ka’uu hanga sadarkaa ol’aanaatti deema. Hoogganaa Liyyuu Poolsii irraa jalqabee, hanga prezidaantii Bulchiinsa naannoo Somaalee – Abdii Illeetti,” jedhu.

Kanaaf muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa – Dr. Abiyyi Ahimed, Koomishina dhaabuudhaan, miidhaalee mirga dhala-namaa suukanneessuu kana irratti akka qorannaa jalqabsiisu gaafanna,” jedhanii jiu.

Dhaggeeffadhaa.

‘Hiyumaan Raayiytis Waach’ Dararaa Mana Hidhaa Naannoo Somaalee Keessatti Geggeessamu Iaachisee Gabaasaa baase
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:55 0:00

XS
SM
MD
LG