Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummichi Ministeera Itiyoophiyaa Ameerikaa Daawwatuuf Jiru


Abiye Ahmed
Abiye Ahmed

Muummichi minsiteeraa Abiy Ahimed torban sadii booda imala isaan as gara UStti geggeessuuf jiran akeeki isaa tokkichi lammiiwwan hidda dhalata Itiyoophiyaa as jiran waliin mari’achuu akka ta’e koreen Finfinnee keessa jiru ibseera. Washington fi LA keessatti waltajjiin qophaa’es lammiiwwan Itiyoophiyaa maraaf banaa ta’uu koreen kun ibseera.

Naannolee biyyattii salganitti argamuu dhaan lammiiwwan Itiyoophiyaa waliin kan mari’atan muummichi ministeeraa Dr. Abiy Ahimed itti aansuun US daawwatuuf jiru.

Imala kana qindeessuuf kan ministrii dhimma alaatti kan hundaa’ee fi ambaasaadder Burtukaan Ayyaanoon kan hoogganamu fi namoonni beekamoon fedhaan koreen keessatti hirmaatan kaleessa ibsas kennee jira.

Lammmiiwwan Itiyoophiyaa miliyoona sadiitti hedaman kutaalee adda addaa keessa akka jiraatan amabaasaadder Butukaan yaadachiisaniiru. Kanneen keessaa miliyoona tokko kan ta’an Ameerikaa Kaabaa keessa jiraatu jedhan. Muummichi mnisteeraa Abiy Ahmed daawwannaa isaanii kanaan angawoota Itiyoophiyaa waliin mari’achuuf beellama hin qabanne jedhan ambaasaadder Birtukaan.

Akka lakk Itiyoophiyaa Adoolessa 19 qabee daawwannaa isaan godhan kun qiyyaafati isaa ijoon lammiiwwan Itiyoophiyaa ti jedhan. Akkuma kanaan muummichi ministeerichaa akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti Adoolessa 28 Washington 29 immoo Los Angelesitti argamanii hawaasa waliin mari’achuuf jiru.

XS
SM
MD
LG