Xurree ittiin seenan

Breaking News

Iskindir Naggaa Dabalatee Kan Dhiyeenya Hidhaa Ba’an Ammas Ni Hidhaman


Sagantaa galateeffachuu fi kennaa dargaggoonni murtaa’an kanneen kana dura hidhamanii ba’aniif qopheessan irratti namoota argamanii turan keessaa,, Bitootessa 25, 2018, Finfinnee
Sagantaa galateeffachuu fi kennaa dargaggoonni murtaa’an kanneen kana dura hidhamanii ba’aniif qopheessan irratti namoota argamanii turan keessaa,, Bitootessa 25, 2018, Finfinnee

Kan dhiyeenya mana hidhaatii gad dhiisaman Iskinder Naggaa, Temesgeen Dessaaleny, Anduaalem Arraagee fi Bekfeqaaduu Xilaahuun dabalatee namoonni 12 kaleessa gara galgalaa to’annaa poolisii jala oolaniiru.

Waa’illi keenya Solomon Abaatee kaleessa Finfinneetti bilbiluu dhaan oboleessa obboleessa Temesgeen Dassaaleny Taarikuu Dassalenyiin haasofsiisee ture. Haala isaa ennaa ibsu har’a mana keenya jechuun mana harmee keenyaa bakka Jamoo jedhamu qopheetu ture. Kaayyoon qophee sanaas dargaggoonni murtaa’an kanneen kana dura hidhamanii ba’aniif sagantaa galateeffachuu fi kennaa qopheessuu qopheessanii turan.

Kanneen galateeffamuun kennaan kennameefii keessaa Temesgen Dessaaleny, Anduaalem Arraagee, Naatinaa’el Mekkonnin, Olbaanaa Leellisaa, Abbebe Qeftoo, Immaawwaayish Zewdu turan.

[Obbo Taayyee Danda’aa Eessatti Akka Hidhaman Barbaannee Dhabne: Maatii]

Sgantaan kun geggeessamaa utuu jiruu gara dhumaa irratti poolisiin dhufee nu marse. Namoonnis bittinnaa’uu jalqaban. Radio dhaan erga dudubbatanii booda karra ittiin ol galan cufan.

Sagantaan sun xumuramaa waan tureef kaan deemaniiru. Dhuma irratti warra hafan itti marsanii socho’uu hin dandeessan jedhanii konkolaataan poolisii dhufee Temesgen Dessaaleny, Anduaaleem Arraagee, Iskindir Neggaa, Maahelet Faantaahuun, Befeqaaduu BeHaailuu, Woyinisheet Mollaa, Zelaalem Werqaagenyeehu, Addisu Geetinnet, Yidneqaachew Addisuu, Sintayehu Chekol, Teferraa Tesfaayee konkolaataa seensisanii qajeelfama poolisii Jamoott argamutti geessan.

Galgaluma kaleessaa gara mana hidhaa isaan keessa turanitti itti bilbiluu dhaan Solomoon Temesgen Desaleny, Befeqaaduu Hailuu fi Eskinder Neggaa haasofsiisee ture. Iskindir Neggaa gaaffii poolisiin isaaniif dhiyeesseen sababaan hidhaa isaanii maal akka ta’e ennaa dubbatu alaabaa Itiyoophiyaa mallattoo urjii of irraa hin qabaanne fannistan nuun jedhan jedha.

Bakka birootti sagantaan akkasii qophaa’ee of eeggannoo fi icitii guddaa dhaan ture. Biyyattii keessatti karaan itti socho’aan tokko illee hin jiru jedha Iskindir Naggaa.

Iskindir Naggaa Dabalatee Kan Dhiyeenya Hidhaa Ba’an Ammas Ni Hidhaman
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:10 0:00

XS
SM
MD
LG