Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaan Labsii Yeroo Hatattamaa Labsite


Faayilii - Loltoota Itoophiyaa, Caamsaa 8, 2021
Faayilii - Loltoota Itoophiyaa, Caamsaa 8, 2021

Itiyoophiyaan kibxata har’aa erga humnoonni naannoo Tigraay naannolee adda addaa qabannee gara Finfinneetti deemaa jirra jedhanii booda labsii yeroo hatattamaa labsitee jirti.

Sabaa himaan mootummaa labsii inni beeksise kun muummichi ministeeraa Abiy Ahimed erga isaan lammiiwwan jbiyyattii meeshaa qabaniin ofii isaanii humnoota TPLF irraa akka of eegan ibsanii guyyoota lama booda.

Kibxata har’aa ganama angawoonni Finfinnee jiraattonni meeshaa waraanaa of harkaa qaban galmeessisuu dhaan naannoo isaaniif eegumsas akka godhan beeksisanii jiran.

Labsiin yeroo hatattamaas erga TPLF guyyoota dhiyoo magaalaalee hedduu qabachuu isaa beeksisee, Finfinnee irraa km 380 irratti argamuu ibasee booda labsame.

Itiyoophiyaan Guraandhala bara 2018 baatilee ja’aaf utuu aangoon Abiytti hin darbin dura labsii yeroo hatattamaa labsitee turte. Uggurri sa’aa kaa’amee, sochiin namaa ugguramee kumaan kanneen laka’aman illee hidhamanii jiran.

Manaa mana irra naanna’uu dhaan sakatta’iinsi geggeessamaa kan ture yoo ta’u, kanneen jeeqama uuman illee to’atamuu bulchiinsi magaalattii ibsa isaan beeksisee jira

Jiraattonni naannoo isaaniitti wal ga’anii naannoo ofii eeguu danda’u jedhee jira. Kanneen meeshaa of harkaa qabaatanii naannoo isaaniif eegumsa hin goone garuu meeshaa qaban mootummaa ykn firoottan ykn hiriyoottan isaaniitti akka kennan illee gaafatee jira.

XS
SM
MD
LG