Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jireenya Balaan Konkolaataa Daakee Abdii fi Cichimmoo Deebisee Dhaabe 


Shamarree Laakkaa Mitikkuu Nagaasaa

Shamarree Laakkaa Mitikkuu Nagaasaa magaala Finfinnee keessatti dhalattee kan guddatte yoo ta'u baruumsa sadrkaa duraa fi lammaffaa fixxee qabxii olaanaan dabartee Yunivarsitii Maqaleetti ramadamtee barnoota Doktorummaa Fayyaa jalqabuuf otuu jettuu maatiin ishee gara Yunaaytid Isteetesitti godaane.

Ameerikaa keessattis digirii duraa Baawulojii fi Saaykoloojiin xumurtee eebbifamuun barnoota ishee itti fufuuf gara kutaa Ohaayoo magaala KIliivlaanditti godaante. Karoora manaa baateef otuu fixaan hin baasiin Amajjii 13 bara 2013 konkolaataa guddaan daandii irraa cabbii haxaa'uu ishee rukutee gara meetra 30 lafa irra eega ishee harkisee booda achitti ishee gatee miliquu isaa polisootaa fi sabaa-himaan naannoo sanaa gabaasaa turan.

Wal'ansa fayyaa jabaa fi wal irraa hin cinnee kan waggaa lama caalaa fudhateen Laakkaan jireenya haaraa akka daa'iima reefuu dhalattutti jalqabde. Dubbachuu, barreessuu, adeemuu fi kanneen biroo tokko jettee jalqabuun jabaattee dhiyeenya kana Yunivarsitii Joorj Waashingtan irraa Fayyaa Uummataa keessattu imaammata Fayyaa (public Heath, majoring in Health Policy) digrii lammataa ykn Maastarsii ishee argachuun eebbbifamtee jirti. Guutuummaa seenaa ishee caqasaa.

Kutaa 1ffaa:

Jireenya Balaan Konkolaataa Daakee Abdii fi Cichimmoo Deebisee Dhaabe
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:34 0:00


Kutaa 2ffaa:

Jireenya Balaan Konkolaataa Daakee Abdii fi Cichimmoo Deebisee Dhaabe, Kutaa 2ffaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:13 0:00


Yaadawwan Ilaali (4)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG