Xurree ittiin seenan

Breaking News

Marii Abbaa Qabeenyaa Oromoo Hospitaala Isaanitti Lammiilee Buqahanii Tajaajila Tolaa Kennaa Jirani fi Dubartoota Hospitaalichatti Dahan Wajjin Godhame

Obboo Kabir-Huseen Waaqoo, Hogganaa Olaanaa fi Abbaa qabeenyaa Hospitaala Waliigalaa fi Kolleejji Meedikaalaa Adaamaa yeroo namoota hospitaala isaanitti tola yaallamaa jiran dubbisan, Adaamaa, Oromiyaa

Lammiiwwan Oromoo sababa walitti bu'iinsa daangaa naannoo Oromiyaa fi Somaalee Itoophiyaatiin wal-qabatee qehee irraa buqahan keessa dubartootaa fi daa'imman baayyeetu gaaga'amaa saaxilame. Rasaasan warra dhahaman dabalatees haala uummame keessa namoota baayyetu midhaan qaamaa fi adda addaa irra gahe.

An magaala Adaamaatti argamu, Hospitaalli Waliigalaa fi Kolleejji Meedikaalaa Adaamaa namoota kanaa tajaajilaa tolaa kennaatii jira.

Kabuuraa Kadiir, Haadholee Hospitaala Waliigalaa fi Kolleejji Meedikaalaa Adaamaatti tajaajila yeroo dahumsaa argatan keessaa
Kabuuraa Kadiir, Haadholee Hospitaala Waliigalaa fi Kolleejji Meedikaalaa Adaamaatti tajaajila yeroo dahumsaa argatan keessaa

Abbaa qabeenyaa fi hogganaa olaanaa hospitaalichaa Obboo Kabir-Huseen Waaqoo, "haawaasa keenya rakkinaa hamaaf saaxilamee kana - waan qabnuun, amma lubbuu teenya kennuutti- bira dhaabbachuu itti fufna," jedhan.

Obboo Kadir-Huseen amma amaattiis buusii qarqaarsa lammiiwwan buqahanii karaa baankii guurramaa jiruuf godhan dabalatee, midhaan nyaataa gara godinoota Harargee fi Baaleetti erguudhan ,akkasumas qarqaarsa bifa tajaajilaatiin walumaagalatti qarqaarsa gara birrii Itoophiyaa miliyoona 15 ta'i kennuu isaanii dubbatan.

Faayizaa Abdurahmaan, Haadholee Hospitaala Waliigalaa fi Kolleejji Meedikaalaa Adaamaatti tajaajila yeroo dahumsaa argatan keessaa
Faayizaa Abdurahmaan, Haadholee Hospitaala Waliigalaa fi Kolleejji Meedikaalaa Adaamaatti tajaajila yeroo dahumsaa argatan keessaa

​Namoota Hospitaalli Waliigalaa fi Kolleejji Meedikaalaa Adaamaa tajaajila yeroo dahumsa tolaan kenneef keessa dubartoota lama dhiheenya Somaaliilaandii baqatanii kaampii magaala Adaama keessa jirutti daheeffartani jiran dubbisneerra.

Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa

Marii Abbaa Qabeenyaa Oromoo Hospitaala Isaanitti Lammiilee Buqahanii Tajaajila Tolaa Kennaa Jirani fi Dubartoota Hospitaalichatti Dahan Wajjin Godhame
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:21 0:00

XS
SM
MD
LG