Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kan Baqa Irra Turan Abune Marqooriyoos Biyya Ofiitti Deebi’an


Paartiyaarkiin waldaa Orotodoksii Itiyoophiyaa 4ffaa abuna Merqooriyaoos har’a Finfinnee seenanii jiru.

Abunichi ennaa buufata xayyaara boolee ga’an abbootiin amantii ortodoksii, paaphaasonnii fi luboonni akkasumas hordoftoonni amantichaa simannaa ho’aa godhaniifii jiru.

Faarfattoonnii fi daaqunoonni Abuna Marqoriyoos fi abboota amantii kanneen kaan dibbeen faarfannaa dhageessisuun simatan.

Sirna simannaa sana irratti prezidaantiin mana maree dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Sheek Mehammad Amiin Jamaal, kaardinaaliin waldaa kaatolikii Itiyoophiyaa abuna Biraane Iyesoosii fi abboonni amantii kanneen biroon argamaniiru.

Waggoota 26n darbaniif bakka lamatti qoodamanii Sinoodoosii biyya keessaa fi biyya alaa jedhamanii waamamaa kanneen turan lamaan mormii waliif qaban dhiisuu dhaan gara araaraatti dhfuun isaanii ni yaadatama. Araara bu’etti aansuu dhaan Abuna Marqooriyoosii fi abboonni amantii ka biroon muummicha ministeeraa waliin har’a Finfinnee seenanii jiru.

XS
SM
MD
LG