Xurree ittiin seenan

Breaking News

Keeniyaattaan Pirezidentii Keeniyaa Afuraffaa ta’uun muudaman


Filannoo Pirezidaantummaa Keeniyaa lafaa Onkoloolessa 26, bara 2017 gaggeeffame ka injifatan Pirezedentiin Keeniyaa taayitaarra turan Uhuuruu Keeniyaattaa, marsaa lammaffaaf Keeniyaa bulchuuf harra muudaman. Sirna Muudaa Naayiroobii Istaadiyeemii Kaasaraaniitti gaggeeffame irratti lammileen biyyattiin Kuma dhibbaan tilmaaman irratti ka argaman yoo tahu, mootummootii biyya adda addaa bakka bu’uun gaggeessitoonni 40 olis irratti hirmaataniiru.

Sirna kana irrattis Keeniyaattaan, waggaa shaman dhufan kana diinagdee Keeniyaa fooyyessuuf akka hojjetan waadaa galanii, lammilee biyyoottan Afriikaa kaan biyya isaa Keeniyaa daawwachuuf dhufaniif Viizaan bilisa akka kennamuuf ajajaniiru.

Bu’aa filannoo kana kan hin fudhanne deeggartoonni paartii mormituu NASA wal gahii gaggeeffachuuf turan waan dhorkamaniif poolisii keeniyaa faana walitti bu’aniiru.

Galmoo Daawit gabaasa itti aanu kana nuuf ergeera

Keeniyaattaan Pirezidentii Keeniyaa Afuraffaa ta’uun muudaman
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:39 0:00

XS
SM
MD
LG