Xurree ittiin seenan

Dr. Nagarii Leencoo: Mootummaan Naannoo Oromiyaa Shakkamtoota To’annaa Jala Kan Olche Ta’uus bulchiinsii Naannoo Somaalee Garu Kana Hin Goone

  • Jaallannee Gammadaa

Walitti bu’iinsa daangaa Oromiyaa fi bulchiinsa nannoo somaalee giddutti uumamee ture keessaa harka qabu jedhamuu kanneen shakkaman namoonni 103 ta’an to’annaa jala ooluu isaanii ministeerri waajiira Komunikeeshinii mootummaa Federaala Itiyoophiyaa Dr. Nagarii Leencoo sambata darbee ibsanii jiru.

Tuuta oduuf ibsa kan kennan Dr.Nagariin akka jedhanti shakkamtoonni 98 Oromiyaa keessaa 5 immoo bulchiinsa naannoo Somaalee keessaa to’annaa jala oolanii jiru.

Kanneen hidhaman kunis waa’ee ajjechaa Awwadaay keessatti gaggeeffamee fi walitti bu’iinsa uummata qe’e irraa godaansisuuf dirqisisee waliin wal qabatee ta’u ibsanii jiru.

Dhimmi waa’ee Awwadaay keessaa mana murtii bulchiinsa naannoo Oromiyaan kan ilaalamuu yoo ta’u kanneen biroon garu waa’ee dhittaa mirga namoomaa waan dabalatuuf jecha mana murtii Federaalaan kan ilaalamuuf jiru ta’u Dr. Nagarii Leencoo Raadiyoo Sagalee Amerikaaf ibsanii jiru.

Gaaffii fi Deebii Guutuu Caqasaa

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG