Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Itiyoophiyaa Labsii Yeroo Hatattamaa Kaase


Baatiilee kurnan darbaniif kaa’amee kan ture labsiin yeroo hatattamaa ka’uu isaa mootummaan Itiyoophiyaa beeksisee jira.

Haalawwan labsiin kun akka labsamu taasisan akkaan gad xiqqaachuu isaa ministeerri ittisaa Siraaj Fageessaa beeksisaniiru.

Kanneen hookkara fi jeeqama kaasuun shakkaman namoonni 7,737 garuu hidhaa keessa jiraachuu isaanii fi manneen murtii adda addaatti dhimma isaanii hordofaa kan jiran ta’uu ibsaniiru.

Hoogganaa paartii mormituu kan ta’an Professor Beyene Peexroos garuu labsiin sun durumaanuu labsamuunis baatilee kudhaniif turuunis irra turre jedhan.

Gaaddisuu sodaa fi dhiibbaa biyyattii irra kan buuse ture jedhan.

Akka lakkoobsa Itiyoopoiyaa Fulbaana 8 bara 2009 hanga guyyaa har’aa jechuun Hagayya 8 bara 2009tti kaa’amee kan ture labsiin yeroo hatattamaa ka’uun kan beeksisame har’a ganama wal ga’ii mana maree bakka bu’oota uummataan geggeessame irratti ture.

Labsiin kun akka ka’uuf yaada murtii kan dhiyeessan hoogganaa waajjira Command Post fi ministeera ittisaa Siraaj Fageessaa haalli nageenyaa wayyaawuu isaa ibsaniiru.

Walumaa gala sababaalee gabaasa sana keessatti dhiyaatan ittiin ka’umsa godhachuu dhaan hojiiwwan Command Post qabatee ture humnootii naga eegumsa naannoo qaamotii dhimmi isaan ilaallatu-tti sadarkaa sadarkaan dabarsuu dhaan itti dhiyeenyaan deggeraa tureera.

Haala walii galaa gamaaggamuu dhaan, waantonni xixiqqoon furmaata hin arganne jiraatan iyyuu, kanneen akkasii kun immoo yeroo kaan iyyuu mudachuu akka danda’an yaada keessa galchuu dhaan qaama humnoota nageenyaa fi angawoota naannootiin ol akka hin taane waan irra gaa’ameef labsiin yeroo hatattamaa ka’ee, hojiin hafe sirnaan akkuma kana duraatti hojjetamuu akka itti fufu yaadi murtii mana maree bakka bu’ootaaf dhiyaatee jira.

Mootummaan Itiyoophiyaa Labsii Yeroo Hatattamaa Kaase
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:43 0:00

XS
SM
MD
LG