Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiiwwan Beenishangul Gumuz Irraa Buqqaafaman Haalli Keessa Jiran Maal Fakkaata?


Oromia map
Oromia map

Rakkoo nageenyaa naannoo daangaa Oromiyaa fi Benishangul Gumuz irratti uumameen lubbuun namaa baduu fi uummati hedduun qe’ee ofii irraa buqqaafamuun ni yaadatama.

Walitti bu’iinsi kun maal irraa madde? Uummati waggoota hedduuf waliin jiraataa ture maaliif gidduu isaatti wal dhibdeen uumame furmaati isaa hoo maali? Ka jedhu qoratee furmaata barbaaduu yaaluuf kan walitti dhufe gurmuun hayyootaa tokko gara naannoo Oromiyaa daangaa Benishangul Gumuztti imalee jira. Garee kana kan hoogganan University-tti barsiisaa seenaa kan ta’an Dr. Derejjee Hinnawuu kaayyoo imala isaanii ibsaniiru.

Kanneen qe’ee ofii irraa baqatan kun lammiiwwan Oromoo qofaa utuu hin taane naannoo Benishangul Gumuz uummati Bartaa jedhamu illee warren Oromoo gargaartu jedhamuu dhaan kanneen 900 ta’an Qe’ee ofii irraa buqqaafamanii yeroo ammaa dhiya Wallaggaa qubatanii jiraachuun ibsamee jira. Uummata kana walitti araarsuuf hawaasa gam lamaanuu walitti fiduun kaayoo isaanii akka ta’e Doktor Derejjeen ibsanii mootummaan illee gama isaan dhimma kana qiyyaafata akka itti kennu gaafataniiru.

Lammiiwwan Beenishangul Gumuz Irraa Buqqaafaman Haalli Keessa Jiran Maal Fakkaata?
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:39 0:00

XS
SM
MD
LG