Xurree ittiin seenan

Breaking News

Magaalaa Dabremaariqoos Keessatti Hookkara Ka’een Qabeenyaan Mancaa’ee Jira


Qabsaa’aa yeroo dheeraa kan BIADEN/IHADEG obbo Bereket Simoon magaalaa Debre Maariqoos keessa kan jiru hoteela tokko keessa boqotan odeeffannoo jedhutti kan aaran dargaggoonni qabeenyaa mancaasuu isaanii jiraattonni magaalattii VOAf ibsaniiru. Jeequmsi sun kan ka’e ragaa lama irraa ka’uu dhaan ta’uu illee angawoonni beeksisaniiru.

Obbo Bereket magaalattiitti argamaniiru gad nuuf haa ba’an jechuu dhaan hoteela isaan keessa jirutti kan marsan dargaggoota kana bittimsuuf humnoonni naga eegumsaa bobba’aniiru. Muddamni jiru hamma galgala kanaatti illee kan hin qabbanoofne ta’uu jiraattonni magaalattii fi itti gaaftamaan bulchiinsa Goojjam Bahaa dubbataniiru.

Magaalaa Dabremaariqoos Keessatti Hookkara Ka’een Qabeenyaan Mancaa’ee Jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:33 0:00

XS
SM
MD
LG