Xurree ittiin seenan

Breaking News

‘Manni Barnootaa Diida Qilleensaa Ijaarame; Boorana Keessa garuu Manneen Barnootaa akkasii 75 Oltu Jiru’


Godina Booranaa Aana Dubluq Ganda Bokossaa keessatti ka argamu manni barumsaa Diida qilleensaa lafaa ijaaramee jira. Ganna sadii dura nami naannoo mukaa fi dhoqqeen ka ijaare manni barumsaa kun tajaajila kennaa turee dulloomee barattoonni mana barumsaa kun ‘daasii’ irraan dhimmisu keessa taa’anii barataa turan jedha Jaatanii Boonayyaa ijaarsa mana barumsaa kanaa ka qindeesse.

‘Manni Barnootaa Diida Qilleensaa Ijaarame; Boorana Keessa garuu Manneen Barnootaa akkasii 75 Oltu Jiru’
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:57 0:00


Jaataniin manni Barumsaa kun ka tumsa argate yoo suurri ijoollee bakkee teessee barattu miidiyaa hawaasummaa akka feesbuukii kana gubbaatti baheedha jedhe. Yoo dubbatus, barattoonni kutaan barnootaa irratti jige kun duraan ala bokkaan dhufu jelaa baqataa, yoo guyyaa fulaa barnootaa kana gahan ammo aduun gubbaan isaan gubaa rakkoo hamtuu keessa turan jedha.

Jaataniin amma manni barnootaa kun kan Kutaa 5 qabu, ijaaramuu hime. Manni Barumsaa haarawi ijaarame kun gamoo lama ka qabu yoo tahu, barattoota haga 400 simachuu danda’aa jedhe. Kana malees manneen barnootaa akka diida qilleensaa kufanii turan Godina Boorana keessa gara 75 ol akka ta’an himee mootummaan manneen barnootaa akkasitti ijaaraman barattootaaf fooyyessuu qabaa jedhe.

Barsiisaa Waariyoo Galgaloo To’ataa mana barnootaa Diida qilleensaati; manni barnootaa kun akkasitti haaromfamuun barattoota kanaaf baayyee gaariidha jedhu.

Kutaan ijaarame kutaa shan, Bilookii (Gamoo) lama, waajjira’llee of keessaa qaba barattoota haga 400 simatuu danda’as jedhu.

“Namni keenya, sabboontonni keenya, waliif naatoo godhatanii ijoollee awwaararra teessee barattu kanatti mana barnootaa akkasii ijaaruun hedduu na gammachiise” Barsiisaa Waariyo Galgaloo

Barsiisaa Waariyoon, manni barumsaa kun yoo dhibeen kooronaa kun fala argateef waggaa kanatti barattoota naannoo simatee barsiisuuf galmee akka jalqabee jirus ibsanii jiru.

Waajjirri barnootaa Godina Booranaa haala ijaarsaa mana barnootaa kana warra hordofaa ture keessaa takka. Obbo Baaggajja Morgee Itti gaafatamaan waajjirichaa, manneetii barnootaa akkasii Godinicha keessa jiran haaromsuuf itti jirraa jedhu.

Obbo Baaggajja yoo dubbatan manneen barnootaa sabaan ijaaramanii rakkoo keessa jiran 78 ta’uu himanii kana keessaa wagga kana keessa 16 ka ta’an Bulchiinsi Godina Booranaa haaromsa taasisuufiif karoora qaba jedhn.

Godinni Booranaa uwwisa barnootaan ka duubatti hambise haala qubannaa ummataati jedha Jaataniin yoo himu; kanaaf ammoo mootummaan waan falu hin keenye jechuunis qeeqa. Obbo Baggajja dhimma kana ilaalchisee yoo deebii kennan, Godinni Booranaa ballina waan qabuuf, Mana barnootaa, kellaa fayyaa fi waan nami fedhu kaan bakka bakkatti ijaaruun dhawaataan waan deemu male al tokkoon waan furmaata argatu moti jedhan

Obbo Baaggajja, Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa birraa dhufu kana Boorana Magaala Yaa’a Ballootti mana Barnootaa Bultii barattoonni keessa jiraatanii baratan ijaaruufis Karoora akka qabu dubbatanii jiran.

XS
SM
MD
LG