Dorgommiin Boston ta baranaa tun 120essoo.Boston lafa ganna sadiin duratti nama dorgommii keessa jiru duratti bombii awwaalanii nama 30 caalaan dhumee 264 itti madaa’e.
Dhiiraan 1-3 Itoophuyaatti moote,dubraan ammoo 1-2 baate. Tokkeessoon Lammii Birhaanuu lammeessoon Lalisaa Baayyisaati fi sadeesoson, Yemaanee Tseggaayeeti
Dubraan tokkeessoon Astedee Baayyisaa, lammeesoson Tirfe Tsaggaayeti sadeesoson atileetii Keenyaa Joyce Chepkurti
Lammii dorgomii km 42 tana 2:12:45 moohee Atsedeen ammoo 2:29:19 moote.
Atsedeen mootee jennaan akkana jette.“Hardha akkanatti moohachuu kiyyaaf gammachuu guddaatti natti dhagaham.”
Lammiin ammoo akkana jedhe.“Hojii gaarii hojjadhee dhufee womaa na hin dhibne.”
Atileetiin Amerikaa Tatyana McFadden ammoo dorgommii warra miilaa hin qamne barcumsa goommaa qabu irra taahee oofu moote. Gamuma kanaan dhiiraan ammoo atileetii Switzerland,Marcel Hug moohe.
Dorgommii tana nama 30 caaluu kaan nafuma diriirfachuuf kaan ammoo dorgomummaa dhugaatiif fiigutit itti dhufe.