Xurree ittiin seenan

Breaking News

Paartiin Mootummaa fi Paartiileen Isa Waliin Marii Itti-fafan Ajandaalee Isaanii Koree Qindeessutti Dhiheeffatan


 Paartiin Mootummaa fi Paartiileen Isa Waliin Marii Itti-fafan Ajandaalee Isaanii Koree Qindeessutti Dhiheeffatan
Paartiin Mootummaa fi Paartiileen Isa Waliin Marii Itti-fafan Ajandaalee Isaanii Koree Qindeessutti Dhiheeffatan

Dhimmoota Ka taayitaa motummaa harkaa qabu – Ehaadegii fi paartiilee biyyoolessaa gidduutti walitti-dubbannaan geggeessamu kan ittiin qajeelfamu – galmee sirnaa yokaan moodaaliitii irratti walii-galtee irra waan ga’ameef, amma xiyyeeffannaan gara ajandaaleetti deebi’ee jira. Ehaadegii fi mormitoonni isaa ajandaalee kam kam irratti akka walitti-dubbatan ammayyuu hin murteeffamne.

Paartiilee gam-lameenii, ajandaalee akka irratti dubbatamu fedhan, Koree Qindeessa Ajandaalee, Miidiyaa fi Komiyunikeeshinii jedhamutti galchanii jiran. Ka Koree sana hoogganan – dura-taa’aa Gamtaa Dimookiraasummaa Itiyoophiyaa yokaan EDIH – Obbo Gabruu Barehee ti.

Bakka-bu’aan Ehaadegii fi Paarlaamaa keessatti ministarri itti-waamamaan mootummaa – Obbo Asmellaash Wolde-sillaasee, akkasumas, itti-gaafatamaan sab-quunnamtii Paartii ERAAPPAA – Obbo Melaakuu Messelee immoo miseensota koree kanaa ti. Koreen kun – ajendaalee Ehaadeg irraa dabalee, paartiilee walitti-dubbachuuf jiran irraa itti dhihaate har’a ilaaluu jalqabuu isaa beeksisee jira.

Ajandaalee kana paartiileen mata mataatti dhiheessanis, kanneen gamtaan dhiheessanis ni jiru. Itti-aanaa Prezidaantiin Dhaabbata Tokkummaa Guutummaa Itiyoophiyaa, kan

ME-I-AAD jechuu dhaa – Obbo Mulugeetaa Abbebee, waa’ee kanaa ennaa ibsan, fakkeenyaaf paartiileen shan, ajandaalee wal-fakkaatoo mata mataatti dhiheessuu dubbatan.

Ajandaalee paartiileen dhiheessan keessa, hidhamtoonni sababaa siyaasaa fi yaada-sammuutiin mana-hidhaa jiran akka hiikamanii fi seerri farra-shororkeessummaa akka fooyyessamu, kanneen gaafataman jiraachuu Obbo Mulugeetaa Abbebee gabaasaa Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsanii jiran. Paartiilee shananiin kanneen dhihaatan – ajandaaleen kudha-shanii fi ajandaaleen Ehaadegii fi paartiilee ka biroon dhihaatan martinuu si’achi Koree Qindeessa Ajandaalee, ka Miidiyaa fi Komiyunikeeshiniin ilaalamanii, kanneen walitti-dubbannaaf dhihaatan keessaa filatamu – jedhan – Obbo Mulugeetaan. Ajandaaleen Koree kanaan filatamanii qindeessaman, torban dhufu, walga’ii paartiilee maraa irratti dhihaatu. Ajandaaleen kama akka filatamanis yeroo sana beekama. Walitti-dubbanaan paartiilee ka jalqabamus sanaa booda ta’uun ibsamee jira – jedha – gabaasaan keenya Eskindir Firew.

XS
SM
MD
LG