Xurree ittiin seenan

Breaking News

Masrii fi Sudaan Shaakala Waraanaa Falmii Hidha Laga Abbayyaatti Fuuleffate Geggeessan


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Masrii fi Sudaan leenjii waraanaa lafoo, qilleensaa fi murna galaanaa biyyoota lamaanii hirmaachise xumuranii jiran. Shaakalli guyyoota ja’aa Wixata xumurame.

Kana jechuun biyyoota hollaa lamaan gidduu kan jiru hariiroo naga eegumsaa mul’isuuf akkasumas mudama Itiyoopiyaa waliin jiru ilaalchisee human ofii agarsiisuuf jecha.

Falmiin jiru kan madde hidha laga Abbayyaa falmisiisaa hin xumuramin jiru irratti. Mooraa waraanaa naannoo Kaartuum jiru keessatti Wixata kaleessaa shaakalli waraanaa kan geggeessame yoo ga’u hoogganoonni waraanaa biyyoota lamaanii argamaniiru.

Kaartumii fi Kaayiroon hariiroo uummachuun Itiyoopiyaatti yaaddoo uumee jira. Mariin hidha laga Abbayyaa ilaalchisee jiru baatii Ebla keessa danqamuun dhaabate.

XS
SM
MD
LG