Xurree ittiin seenan

Breaking News

Somaaliyaatti Filannoon Paarlaamaa Gadi-aanaa Jalqabame


(suuraa faayilii)
(suuraa faayilii)

Biyya ofiin of labsattee republiikii somaalee laand keesaatii flannoon bakka bu’oota parlamaa biyaatii fi naanolee jalqabamee jira.

Magaala hargeessaa keesatii wixata ganama saa’a tokkoo jalqabee hiriirri dheeraaran akka tureef flattoonii saa’a lamaa ol akka dhaabatanii sagalee kenuudhaaf eegan gabasameera.Prezisaantiin somalee laand Musee Bihii Abdii akka VOA ti himaniti "filanichii haalaa naga-qabeessa ta’een geggesamuu qaba. Yoo wal dhabiinsii jeraate filannoo booddee karra tasgabii qabeesa ta’een ilaalamuu qaba. Fedhii biyyaa tuffachuun hin danada’mu. Komii keessan karaa nagaa dhisaa. mannii murti banaadha," jedhaniiru .

Senaa biyyatii keessati yeroo jalqabaatiif nammii mililiyoonii tokko filannoodhaaf galmaaheera. Bara 2017 nammi flachuudhaaf galamaahee 700,000 akka ture galmeen mootummaa ni agarsiisa.

Bara 2003 iraa kaasee biyyii somaalee laand filannoo waliigalaa 6 fi filannoo prezidaantummaa 3 tasifteettti. Miseensota parlamaa filachuudhaaf innii amaa kan yeroo lammaffaatii. Miseensonnii parlamaa amma jiran warra bara 2005 filatamaniidhaa. Sababa dhimaa qoodaa, hirmaannaa teessoo, filannoo prezidaantumaaf dursa kennuu dhaa fi seeraa filannootiif jedhamee filannoon parlamaa akka yeroo adda addaatiif darbaa ture raga baatonnii ni dubatu.

XS
SM
MD
LG