Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gamtaan Medrekii fi Paartiin Semaayaawii Marii Siyaasaaf Mootummaan Akka Waamicha  Dhiheesseef Dubbatan


Dr. Mararaa Guddinaa Amajjii darbe keessa gaafa hidhaadhaa bahan deeggartoota isaan simatan oggaa nagahaa gaafatan
Dr. Mararaa Guddinaa Amajjii darbe keessa gaafa hidhaadhaa bahan deeggartoota isaan simatan oggaa nagahaa gaafatan

Paartiileen Lameenuu marii kana bakka qaamni sadaffaan jirutti paartii mootummaa waliin geggeessuuf qophii tahuu isaanii dubbatu. Dura-taa’aan Koongiressa Federaalawa Oromoo – Dr. Mararaa Guddina, akka Medrekiif mootummaa irraa waamichi dhihaateef kaleessa VOAf ibsan.

“Homaa waannni dhoksamu hin jiru. Akka waliin dubbannu nu gaafatee jira. Kanaaf, Medrek yeroo gabaabaa keessatti mariitti waan seenu natti fakkaata. Waa’ee mootummaa tokkummaa biyyoolessaa hundeessuus yeroo sana mariidhaaf dhiheessina. Akka durii, EHADEG kana nan fudhadha, kana hin fudhadhu – jedhee ka deebisu otuu hin taane, uummata Itiyoophiyaa dhokatee ka geggeessamu otuu hin taane, Medrek maal fudhatee marii keessa gala? Ennaa jedhamu, waan qabatamaa tokko – waan hunee-qabeessa Itiyoophiyaa jijjiiruu danda’u, jijjiirama nagaa – jedhee waan EHADEG halkanii fi guyyaa odeessu kun, jijjiirama dhugaa akka tahu, cehumsa aangoo isa akka muummicha-ministaraa Hayile-maariyaam Dessaalenyi irraa gara Dr. Abiyyi Ahimeditti jijjiruu – jijjiirraa qoosaa otuu hin taane, dhugaatti cehumsi haqaa akka biyya kana keessatti dhufu, galmee qopheessinee akka irratti waliin dubbannu qabannee dhihaanna.” jedhan – Dr. Mararaan.

Akka Dr. Mararaan jedhanitti, mariin kun, bakka qaamni sadaffaan jirutti akka tahu yaada jedhu motummaan ka fudhatu tahuullee dubbatan.

Gamtaa Medrekii ala, dhaabbatni waamichi akkasii dhihaateef, Paartiin Semaayaawiif dura taa’aa ka tahan – Obbo Yeshiwaas Asaffaas, xalayaa waamichaa itti-gaafamtuu waajira muummicha-ministaraan mallatteessame argachuu isaanii VOA-f ibsanii jiran. Eega xalayicha argatanii booda, akkaataa deemsa marichaa irratti mootummaa waliin akka dubbataa jiran kan eeran – Obbo Yeshiwaas Asaffaa, mariin sun paartii tokko waliin qofa qofaatti otuu hin taane paartiilee mara kan hammate akka tahu kan dubbataa jiran tahuulee ibsanii jiran.

Gabaasaa guutuu dhaggeeffadhaa

Gamtaan Medrekii fi Paartiin Semaayaawii Marii Siyaasaaf Mootummaan Akka Waamicha  Dhiheesseef Dubbatan
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:27 0:00

XS
SM
MD
LG