Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Itiyoophiyaa Dhaabota Qarqaarsaa Tokko tokko Biyyaa Baasuu Akka Danda'u Akeekkachiise


Faayilii - Minister-deettaa Ministrii Dhimma Alaa Itiyoopiyaa Ambaasaadder Reedwaan Huseen
Faayilii - Minister-deettaa Ministrii Dhimma Alaa Itiyoopiyaa Ambaasaadder Reedwaan Huseen

Minister-deettaan Ministrii Dhimma alaa Itiyoopiyaa Ambaasaadder Reedwaan Huseen har’a ibsa kennaniin, sababaa dhiyeessii gargaarsaan qindeessitoonni gargaarsa namoomaa TPLFn hidhachiisan jiraachuu tuquu dhaan, mootummaan dhaabolii gargaarsaa tokko tokko biyyaa baasuu kan danda’u ta’uu akeekkachiisan.

TPLF waraana kakaasuuf dubbii tuqachaa kan jiru ta’uu kan ibsan ambaasaadder Reedwaan, tuttuqqaan kun itti fufnaan, mootummaan labsii dhukaasa dhaabinsaa xiinxalee tarkaanfii fudhachuuf kan dirqamu ta’uu dubbatan. Hawaasi addunyaas gocha TPLF kana akka balaaleffatu gaafataniiru.

Ambaasaadder Reedwaan ibsa isaanii har’aatiin, Itiyoopiyaan qormaata hamaa seenaa keessatti ishee mudate keessaa tokko yeroo ammaa dura dhaabbachaa kan jirtu ta’uu iseef, biyyattiinis akka diigamtuuf dhiibbaan itti fufee jiraachuu beeksisanii, biyyoonni michoota ta’an deggersa akka godhan gaafataniiru.

Dhiittaa mirga namaa Tigraay keessa jiruun wal qabatee manni maree dhimmootii mirga namaa kan tokkummaa mootummootaan yaadi murtii darbe, “Haal duree Itiyoopiyaa irra uggura kaa’uuf ta’e” jechuu dhaan cimsanii balaaleffataniiru jechuun Kenedii Abaatee Finfinnee irraa gabaaseera.

Gama biraan, Naannoo Tigraay Bulchuutti deebi’uu isaanii kan ibsan Dr Debretsiyoon Gebremikaa’l ibsa kennaniin lola kan geggeessaniif, naannolee humnaan qabaman gad dhiiisuuf akka ta’e dubbataniiru. Baatilee saddeettan darban heera cabsuu dhaan naannolee Tigraay jalatti bulaa turan qaamotiin humnaan qabattan, hatattamaan dhiistanii akka baatan jechuun akeekkachiisan.

Dubbi himaan TPLF Geetaachoo Redaas qabiyyeen Tigraay guutummaan hanga deebi’utti, humnoonni naannoo tarkaanfii fudhatan itti fufu jedhan. Humnoonni mootummaa federaalaas, kana booda yaaddoo Tigraay akka isaan hin taane gochuuf hojii hojjennu itti fufna jechuun VOAf ibaniiru. Mootummaan federaalaa daa’imman ajjeesaa jira jechuun illee yakkaniiru.

Angawoonni mootummaa naannoo Amaaraa fi kan mootummaa federaalaa garuu TPJF Walqaayitii fi naannoo Raayyaa gara naannoo Tigraayitti kan deebise, waggaa 30 dura aangoo qabatee fi humna qabu fayyadamuun akka ta’e dubbatan. Naannoleen sun Tigraay jala kan seenan, heerri Itiyoopiyaa raggaasisamuu dura akka ta’e yaadachiisuu dhaan adeemsi sun hundee seeraa hin qabu ennaa jedhan dhaga’ameera.

Falmiin akkasii furmaata kan argatu, mana maree bakka bu’ootaan kan hundeeffame, komiishina daangaa fi eenyummaan ta’uu mootummaan federaalaa irra deddeebi’uun ibsee jira.

Tigraay keessatti kan raawwataman dhiittaa mirga namaa ilaalchisee angawoonni ol aanaan abbaan alangaa federaalaa irra deddebi’uun ibsa kennaniin yakki loltootaa fi sivilotaan raawwatame qoratamee himannaaleen hangi tokko dhiyaachuu fi adabi illee murtaa’uu ibsaniiru.

Muummichi ministeerichaas hoogganoonni biyyattii sadarkaa ol aanaa qorannaa geggeessanii kanneen balleessan seeraan akka gaafataman irra deddeebi’uun ibsaniiru.

XS
SM
MD
LG