Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Obaamaan Maatiiwwan Orlandoo Gadda Keessa Jiran Jajjabeessan


Pireezdant Obaman fi itti aanaa prezidaantii Joo Biaaydan waliin ta’uu dhaan bakka yaadannoo kanneen dhumanii magaalattii keessa jiru irra daraaraa ka'an, Orlaandoo, Waxabajjii 17, 2016
Pireezdant Obaman fi itti aanaa prezidaantii Joo Biaaydan waliin ta’uu dhaan bakka yaadannoo kanneen dhumanii magaalattii keessa jiru irra daraaraa ka'an, Orlaandoo, Waxabajjii 17, 2016

Xayyaarri presidenttummaa kan “Air Force One” jedhmu ennaa kaleessa buufata xayyaara sadarkaa addunyaa Orlando qubatutti Mr. Obamaan fuula isaanii irraa gaddi mul’ataa ture yeroo hojii isaanii marsaa lammataa haleellawwan dhaqqaban kan irraa mula’ate waliin wal fakkaata. Jechuunis miira nama jajjabeessuuf namaa gaddutu irraa mul’ataa ture.

President Obamaan kana duras Sandy Hook, kollejii Virginia Tech, Charleston, San Bernardino, amma immoo seenaa ameerikaa keessatti fixiinsa isa hamaa Orlando irratti erga raawwatameetti bakka adda addaatti aragamanii maatii gaddi itti dhaga’ame ennaa jajjabeessan haaluma wal fakkaataatu fuula isaanii irraa argama ture..

Maatiwwaan gaddi irra ga’e dhuunfaan erga daawwatanii booda Obamaan yeroo kanatti haleellaan mana sirgaa halkanii Pulse jedhu irratti raawwatame gocha shororkeessummaa utuu hin taane jibbiinsa hawaasa jaalalleewwan saala wal fakkaataa ti jedhan.

Kan irra deddeebi’uu dhaan namni meeshaa waraanaa bitatu achii as dhufti isaa qoratamuu qaba, seerri to’annaa qawwee cimaan ba’uu qaba jechuun kongresa biyya isaaniitti himaa turan Obamaan amantaa imaammata isaanii kanaa kaleessas cimsanii dubbatan. Maatiiwwan isaan guyyaa sana ofitti qabuun jajjjabeessan ajjeechaan itti dabalaa akka hin raawwanne tarkaanfii cimaan akka fudhatamu gaafatan jedhan.

Ennaa xumura daawwannaa isaanii Orlando Obaman itti aanaa prezidaantii Joo Baaydan waliin ta’uu dhaan bakka yaadannoo kanneen dhumanii magaalattii keessa jiru irra daraaraa kaa’anii jiran. Ennaa kanas jiraattonni magaalattii presidentichi ennaa magaalattiin gadda keessa seentetti daawwachuu isaaniif galateeffataniiru.

Siyaasa isaanii waliin walii galuu dhiisuun mala, garuu akka namaatti kabajaa guddaan qabaaf. Oduu irratti ennaa isaan dubbatan akkan dhaga’etti, garaa isaanii irraa fudhatanii dubbataa tuarn. Baay’ee itti dhaga’ame. Kanaaf kan galateeffadhaan jedhan.

Jiraattonni ka biroon illee paresidentiin keenya as bakka nuti jirru dhufanii ani isin waliin jira isinan deggera ennaan nuun jedhan yaadi keenya ni haara’a jedhan.

Guyyaa guutuu guutummaa Ameerikaa irraa daawwattoonni dhibbaan laka’aman dhufanii bakka yaadannoo namoota dhumaniif qopaa’etti argamuu dhaan kabajaan yadatanii jiru. Gaddi isaan torban kana keessa darban kan isaan baachuu danda’anii ol ta’uu illee jiraattonni gaddaan dubbataa jiran.

Prezidaant Obaamaan Maatiiwwan Orlandoo Gadda Keessa Jiran Jajjabeessan
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:54 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG