Xurree ittiin seenan

Breaking News

Obbonboleettii - Sirba Dhaggeeffattootaa fi Daawwattoota Biratti Jaallatama Guddaa Argatte


Weellistuu Margituu Warqina
Weellistuu Margituu Warqina

Weellistuu Margituu Warqina muuziqaan suur-sagaleen baaste, kan “Obomboleettii” jedhamu tibbana dhaggeeffattootaa fi daawwattoota biratti jaallatama guddaa argattee jira.

Obomboleettii malee gara fuulduraatti albama muuziqaa guutuu qabachuun akka dhaggeeffatoota biran gahuuf hojiirra jjirtu dubbatti Weellistuun kun.

Obomboleettiin erga “YOUTUBE” iratti daawwatamuu jalqabee torban lama keessatti yeroo miliyoona tokkoo kan ilaalame yoo tahu, sababaan milkaa’ina isaa aadaa fi ammayyaan miidhagfamee qindaa’uun hojjetamuu isaa ti, jedha Daayirektarri Obomboleettii Leencoo Fiqiruu.

Muuziqaa auur-sagalee kana ka qindeesse Antanah Tafarraa yoo tahu, Leencoo Fiqiruu immoo Daayirektara tahuudhaan qooda fudhate.

Kan walaloo fi Yeedalloo wallee kanaa qopheesse ammoo Weellisaa Yoosan Geetaahuni. Naakoor Malkaatu wallistuu Margituu Warqinaa fi Daayirektara muuziqichaa Leencoo Fiqiruu dubbisuun gabaase.

Obbonboleettii - Sirba Dhaggeeffattootaa fi Daawwattoota Biratti Jaallatama Guddaa Argatte
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:54 0:00


XS
SM
MD
LG