Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gabaa Lagachuun Oromiyaa Itti Fufee Jira Daldaltoonn Immoo Hidhamaa Jiru


Magaalota Oromiyaa adda addaa keessatti mormiin suuqii daldala cufuu itti fufeera
Magaalota Oromiyaa adda addaa keessatti mormiin suuqii daldala cufuu itti fufeera

Tilmaamni galii guyyaa dabalamee gibirri nuti baafnu nutti hammaate jechuu dhaan daldaltoonni godinaalee Oromiyaa adda addaa keessa mormii gabaa lagachuu geggeessaa turan itti fufanii jiraachuu jiraattonni nuuf ibsaa turan. Mormiin isaanii ka biroon hoogganoonni siyaasaa kanneen akka obbo Baqqalaa Garbaa fi Dr. Mararaa nuuf haa hiikaman kan jedhu ta’uu illee dubbataniiru.

Gaaffiin gibirri akka xiqqaatuuf dhiyeessine amma iyyuu deebii hin arganne jechuu dhaan mormiin kun Oromiyaa bakka tokko tokkotti itti fufee jira.

Akkuma kanaan godina Shawaa lixaa magaalaa Amboo keessa daldaltoonni jiran torban darbe guutummaa isaa manneen daldalaa cufanii bajaajjii dabalatee geejjibi socho’aa kan hin turre ta’uu dubbatu.

Bulchiinsi magaalaa Amboo kanaaf sababaa ta’an kan ittiin jedhe abbootii qabeenyaa to’annaa jala oolchuu isaa jiraataadhumti kun ibsanii namoota kana wabiin gad dhiisisuuf maallaqa guddaa gaafataman jedhan.

komee uummataa kana bakka haalli laguu gabaa fi hidhaan daldaltootaa itti raawwatame jedhe magaalaa Ambootti bilbiluu dhaan kutaa ittisa yakkaa irraa Comandor Mengistu nama jedhaman kana dura haasofsiisnee waan turreef gara isaaniitti bilbillus deebii quubsaa hin arganne. bilbile.

Qaama mootummaa biraa deebii argchuuf kaleessaa qabee yaalaa turre. Kan dhimma galii guyyaa fi gibiraa ilaalchisuun deebii nuu kennaa turan itti gaaftama biroo kominikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Addisuu Araggaatti deddeebi’ee bilbilee haala yeroo ammaa naannolee adda addaa keessatti uumame odeeffannoo argachuuf yaalus bilbilli isaanii hin ka’u.

Itti aanaa isaanii kan ta’an Obbo Workuu Caalaatin bilbile. Yaalii hanga tokko booda bilbila isaanii kaasanii haala jiru ergan ibseefii booda mootummaa biraa deebii argachuu barbaaduu koo ibseefii, dhimm isaa poolisiif abbaa taayitaa galii ilaallata waan ta’eef kallattiin isaaniin quunnami naan jedhan. bilbilan irratti argachuu danda’u deebisee yoon bilbile naa kennuuf waadaa naa seenan. Akkuma kanaan bilbila isaanii irra deddeebi’ee bilbilus argachuu hin dandeenye.

Dhaggeeffattoota keenyaa komii uummati dhiyeessu kanaaf deebii gama mootummaa hordofnee akkuma argannetti dhiyeessina.

Gabaa Lagachuun Oromiyaa Itti Fufee Jira Daldaltoonn Immoo Hidhamaa Jiru
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:42 0:00

XS
SM
MD
LG