Xurree ittiin seenan

Breaking News

‘Rakkoo jabduu keessa jirra’ Baqattoota Mooyyalee Baqatanii Keeniyaa Jiran


Baqattoonni Ajjeechaa Mooyyaleetti ta’e baqatanii Keeniyaa qubatanii jiran nyaataaf bakka bultii dhabanii rakkataa jirra jechuun dubbatan. Buufata yeroof qophaayeef keessa baqattoonni jiran akka jedhanitti, deeggarsi baqattootaaf dhiyaatee fi lakkoofsi namaa waan wal hin gitneef nami hedduun rakkoo keessa jiraachuu himu.

Baqattoota kana ka gargaaraa jiru waajjirri dhimma baqataa UNHCR, haga danda’e hojjetaa jiraachuu dubbi himaan dhaabbatichaa ka damee Keeniyaa Mrs. Yiivoon Indeegee himaniiru.

Gama biroon Waldaan Fannoo Diimaa lakkoofsi namoota gara Keeniyaatti qaxxaamuraa jiran dabalaa jiraachuu beeksiseera.

Galmoo Daawit dabalata isaa qopheesseera

‘Rakkoo jabduu keessa jirra’ Baqattoota Mooyyalee Baqatanii Keeniyaa jiran
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:57 0:00

XS
SM
MD
LG