Xurree ittiin seenan

Breaking News

Preziedaantiin Bulchiisa Naannoo Somaalee Taayitaa Gadhiisan


Abdii Mohaammed Omaar
Abdii Mohaammed Omaar

Preziedaantiin bulchiisa naannoo Somaalee – Abdii Mohaammed Omaar, har’a taayitaa gad-lakkisuu isaanii, aangawoonni mootummichi naannoo, Raadiyoo Sagalee Ameerikaa, sagantaa Afaan Somaaleetti himanii jiran.

Aangawaan ol’aanaan mootummaa naannoo Somaalee, Abdii Mohammed Omaritti dhiheenya qaban – Kaadaar Abdii Ismaa’el, Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsa kennaniin, “Eyyee. Jijjiramni hoogganaa tahee jira. Prezidaantiin duraanii, itti gaafatama isaanii gara Ahimed Abdii Mohaammuditti dabarsanii jiran. Jijjiramni tahe martinuu karaa nagaatiin geggeessame. Prezidaantiin duraanii dantaa uummataaf hojjtaa turan. Ammaas dantaa uummatichaaf jecha, itti gaafatama isaanii dabarsanii kennan” jedhan.

Prezidaantiin bulchiinsa naannoo Somaalee haaraan – Ahimed Abdii Mohaammud, duraan – hoogganaa biiraa maallaqaa mootummaa naannoo sanaa tahuun hoojjetaa tuan.

Gama biraatiin, Raayyaan Ittisaa Itiyoophiyaa fi poolisiin federaalaa, gara bulchiinsa naannoo Somaaleetti bobba’ee akka nageenya kabajchiisu ajajamee jira, jechuun maddeen oduu mootummaa gabaasanii jiran.

Waajirri dhimmoota Koomiyunikeeshinii mootummaa federaalaa Itiyoophiyaa ibsa baaseen, “mootummaan naannoo Somaalee gaaffii dhiisseen, humni naga-eegumsaa naannoo sana seenee, hojii naga-eegumsaa akka hojjetu ajajamee jira,” jechuun beeksise.

Kanaaf jecha, hojii nageenya eegsisuu, har’a irraa jalqabee bulchiinsa naannoo Somaalee keessatti akka geggeessamu – itti-gaafatamaan waajira dhimmoota Koomiyunikeeshinii mootummaa federaalaa – Obbo Ahimed Shidee dubbatanii jiran.

XS
SM
MD
LG