Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dawwannaan Isaanii Ameerikaa Abdachiisaa Milkaa’iira Jedhan Muummichi ministeeraa Abiy Ahimed


Muummee ministiraa Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimad imala "Gidaada Jigsanii Riiqicha Ijaaruu," jedhuu gara Ameerikaa yeroo dhufanitti qophii Diisii irratti deeggartoota isaanii yeroo galateeffatan, Adoolessa 28, 2018

Muummichi minsiteeraa Abiy US keessaa bakka dhaqan maratti deggertoota argatan. Washington, Minnesota fi Los Angeles keessatti lammiiwwan Itiyoophyaa, hoogganaa dargaggeessaa fi qaroowwan kana gammachuun simatan.

Abiy gareelee amantii, hoogganoota mormitootaa fi itti aanaa prezidaantii Ameerikaa Mike Pence waliin wal arganiiru. Yeroo ammaa biyyatti deebi’uu dhaan hariiroowwan haarawaa kana gara carraa gaariitti jijjirama jedhanii abdatu

Kaaba Ameerikaatti galma keenya yeroo dheeraa kan ture lammiiwwan Itiyoophiyaa Kaaba Ameerikaa jiran waliin wal arguun milkaa’ee daawwannaa milkaa’ina qabu geggeessuun deebineerra .

Kaayyoon jalqabaa daawwannaa kanaa ededa jibbiinsaa lammiiwwan Itiyoophiyaa jidduu ture diiguu dhaan riqicha jaalalaa fi walitti dhufeenyaa ijaaruu dha. Kunis sababaa murannoo if fedhuu garaarraa ta’e lammiiwwan biyyattii kan Ameerikaa kaabaa keessaa qaban irraan kan ka’e ni danda’ama jedhan.

Dawwannaan Isaanii Ameerikaa Abdachiisaa Milkaa’iira Jedhan Muummichi ministeeraa Abiy Ahimed
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:36 0:00

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG