Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jiilli Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaan fi Ministeera Dhimma Alaa Dr Warqineh Gabayyoon durfamu, jila Adda Bilisummaa Oromoo Obbo Daawud Ibsaan hoogganamu wajjiin walga’anii mari’achuuf har’a Asmaraatti imalanii jiran


Obboo Lammaa Magarsaa
Obboo Lammaa Magarsaa

Jiilli Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaan fi Ministeera Dhimma Alaa Dr Warqineh Gabayyoon durfamu, jila Adda Bilisummaa Oromoo Obbo Daawud Ibsaan hoogganamu wajjiin walga’anii mari’achuuf har’a Asmaraatti imalanii jiran.

Mariin sun har’a jalqabama, jedhamee akka eegamu ka dubbatan – maddeen oduu mootummaa Itiyoophiyaa, jilli hooggana ol’aanaa Itiyoophiyaa kun, hoogganaa ABO – Obbo Daawud Ibsaa wajjiin walga’ee akka mari’atu kan eegamu tahuus beeksisee jira.

Prezidaantiin bulchiisa naannoo Oromiyaa – Obbo Lammaa Magarsaa fi Ministarri Dhimma-alaa Itiyoophiyaa – Dr. Warqineh Gabayyoo, akkasumas, jilli isaan hooggananii imalan, har’a ganama, sirree xayyaaraa sadarkaa Addunyaa Asmaraa ennaa qubatanitti, ministara dhima-alaa Ertiraa – Usmaan Saaleh fi aangawoota biyyattii ol’aanoodhaan simatamuun isaaniis gabaasamee jira.

Obbo Lammaa Magarsaa fi Dr. Warqineh gabayyoon jillii hoogganamu har’a gama gara Ertiraatti imaluu isaa ka beeksisan – itti-gaafatamaa Waajira Dhimmoota Koomiyunikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa – Dr. Nagarii Leencoo ti, jedhu – meddeen oduu mootummaa.

Muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa - Dr. Abiyyi Ahimed, dhiheenya, yeroo as Yunaayitid Iteetis dhufanii turanitti, magaalaa Miniyaapolis keessatti marii uummata waliin geggeessan irratti, dhimma araaraa kana ilaalchisee gaaffii uummata irraa dhihaateef ennaa deebii kennanitti, hayyu-duree Adda Bilisummaa Oromoo – Obbo Daawud Ibsaa wajjiin wal arganii dubbachuu isaanii fi marii itti aanuuf beellama qabachuu isaanii himanii, sanaafis, torban amma keessa jirru keessa, jilli mootummaa isaanii gara Asmaraatti kan imalu tahuu beeksisanii turan.

XS
SM
MD
LG