Xurree ittiin seenan

Breaking News

Rakkoon Gargaarsas Tigraay Keessaa Hammaataa Jira: Angawaa Tokk. Mootummootaa 


Faayilii - Magaala Maqalee
Faayilii - Magaala Maqalee

Kan wal waraansii keessatti gaggeeffamee bulchiinsa naannoo Tigraay keessa rakkoon gargaarsa dhala namaa hamaan jiru daran gad deemaa kan jiru ta’u aangawaan gargaarsa dhala namaa kan Tokkummaa mootummoota Maark Laawkok Kamiisa kaleessaa akeekkachiisanii jiru.

Kana malees waraannii Ertraa ba’uun isaa mallattoon agarsiisuu lafa hin jirreetti, humnaan gudeeddiin tooftaan gaggeeffamu akka jiru gabaafamuu fi hokkara saalaa irra jireessaan dhiiroota yuniifoormii waraanaa uuffataniin gaggeeffamu akka jiru ibsan.

Angawaan kun Kamiisa kaleessaa golli naga eegumsaa kan Tokkummaa Mootummootaa walgahii cufataan gaggeesse irratti akka ibsanti uummata Tigraay Miliyoona 6 tti dhiyaatu keessaa kanneen Miliyoona 4.5 ta’an gargaarsa dhala namaa akka barbaadan Tokkummaan mootummootaa beeka jedhanii mootummaan akka tilmaameetti uummanni kun 100 keessaa harka 91 hatattamaan nyaata barbaada jedha.

Waajirri koo gara jalqaba torban kanaatti gabaasa isa ka jalqabaa argateen namoonni jireenya ofii irraa buqqa’an 4 beelaan du’u, akkasumas Kamiisa kaleessaa ganama immo namoonni 150ni konyaa Olfaa kan Maqalee irraa Kibbatti argamtu keessatti beelaan dhumuu isaanii dhageenye.

Kun nu hunda keenyaaf akeekkachiisa ta’u qaba kan jedhan Laawkook, tarkaanfiin barbaachiisu hin fudhatamu taanaan waan gara fuula duraatti nu eeguu agrsiisa.Beeleessuu akka meeshaa waraanaatti gargaaramuun seera cabsuu dha jechuu isaanii Assosheetid press gabaasee jira.

XS
SM
MD
LG