Xurree ittiin seenan

Breaking News

Somaaliilaand Oggaa 25ffaa Walabummaa Ofii Itti Labsite Harra Kabajatte


Dubartoota kabaja oggaa 25ffaa walabummaa Somaalilaand irratti hirmaatan, Hargeessaa, Caamsaa 18, 2016.
Dubartoota kabaja oggaa 25ffaa walabummaa Somaalilaand irratti hirmaatan, Hargeessaa, Caamsaa 18, 2016.

Somaaliilaand guyyaa itti walabummaa ishii argatee oggaa 25ffaa Roobii harraa kabajje. Addunyaan garuu biyyumaa ishiituu fudhachaa hin jiru, ammallee akkuma qaama Sumaaliyaa taatetti ishii beeka.

Namaa saanii, gaalli, harroonni, leenci odoo hin hafin, hunduu haalluu alaabaa Somaaliilaand (magariisa, adii fi diimaa) uffataniiru. Hunddi isaanii hiriira fi agarsiisa kabaja ayyaana oggaa 25ffa Somaaliilaand Repuublikii Somaaliyaa irraa itti cittee, walabummaa ishii labsite irratti argamuf qophaahan.

Mohaammad Ahimaad, daayireektara ol-aanaa dhabbata harggessatti argamuu ‘ Somaliland Non State Actors Forum’ jedhamuuti. Akkuma jiraatoota Somaaliilaand kaanii innis jechaa Labsii Ofii ( self-declared) jedhu, jecha namoonni walabummaa biyya isaanii adduynaa biratti fudhatama akka hin arganne ibsuudha fayyadaman hin jaalatu.

Yaadannoo namoota walitti bu'iinsa Somaalilaanditti bara 1988 – 1991 ture irratti dhumanii hojjatame, Hargeessaa, Bitootessa 31,2016(J. Kireeg/VOA)
Yaadannoo namoota walitti bu'iinsa Somaalilaanditti bara 1988 – 1991 ture irratti dhumanii hojjatame, Hargeessaa, Bitootessa 31,2016(J. Kireeg/VOA)

​Walitti bu'iinsa biyyatti keessaati oggaa sadii ture booda bara 1991 Somaaliiland Somaaliyaa irraa citte, Somaaliyaan walabummaa biyyatti mirkaaneessuu baattus, akka naanoo tokkotti ofbulchuu isaanii garu dhoowwu hin dandeenye. Amma Somaaliilaand mootummaa fi waraana maataa ishii qabdi, qarshii adda ta'e han offi qabdi. Paaspoortii ofiis akkasuma. Garuu biyyaa beekamtii hin arganne waan taatef, paaspoortii biyyichaatiin fayyadamanii deddeemuun rakkinaa bayyee qaba jedhan. Akkasis ta’ee, hoo biyyootya kibba ishitti jiraaniin walitti laalan Somaaliiland amma tokko nagaaa qabdii.

Proofeeseriin Yunversiitii Minisootaa , Abdii Samataar garuu Haawaasnni Addunyaa Somaaliiilaand bekkamitti dhowwachuun isaa sababa amansiisaa qaba jedha. Abdiin dabalees, biyyattiin waan argatte jiraatus, ammas rakkina baayyee keessa jirachuu, “ Puntilaand wajjin daaangaa irratti walii galaa hin jiran, lammiwwaan biyyattii hojii dhabuudhan rakkachaa jiran. Namnii baayyeen goodaansa seeraan alaa fi sodaachiisaa karaa garba Medetiraaniyaan godhamuutti seenuudhan dararamaa jiran," jechuudan tarreessa.

Amma bara 1960tti Somaaliyaan gabroomsota Ingliiziiti fi Xaaliyaanitin lamatti hiramuun ishii hin yaadatama. 1960 oggaa gabrummaa jalaa bahanii tokkooman. Walii galteen tokkumaa isaanii garu walitti bui'nsa bara 1988tiin cabe.

Somaaliilaand Oggaa 25ffaa Walabummaa Ofii Labsite Harra Kabajatte
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:53 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG