Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tumsa Raayya Ittisa Biyyaaf Hiriironni Magaalota Oromiyaa Keessatti Gaggeeffaman


Tumsa Raayya Ittisa Biyyaaf Hiriironni Magaalota Oromiyaa Keessatti Gaggeeffaman
Tumsa Raayya Ittisa Biyyaaf Hiriironni Magaalota Oromiyaa Keessatti Gaggeeffaman

Hiriirri Mootummaan naannoo Oromiyaa tumsa raayyaa ittisa biyyaaf jechan qopheesse jedhe dhuma torbee kana sanbataa fi dilbata magaalotii Oromiyaa gara garaa keessatti gaggeeffaemee jira. Akka waajjirii prezdentii naannoo ifoomseen, dursa sanbata hiriirri kuni Magaalaa Adaamaa rratti ka gaggeeffame yoo tahu, hirmaattonni asirratti argamanis deeggarsa raayyaa biyyaaf qaban erga dhageessisaniin booda, ‘biyyoottan alaa dhimma keessoo biyyaa keessa seenuun sirrii miti. yaada jedhus dubbataniiru.

Tumsa Raayya Ittisa Biyyaaf Hiriironni Magaalota Oromiyaa Keessatti Gaggeeffaman
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:43 0:00

Itti fufees dilbata kaleessaa magaalaawwan Oromiyaa afur keessatti hiriirri kun gaggeeffamee jira. Hiriira Arsii Asallatti gaggeeffamerratti jiraattonni godina arsii hedduun ka argaman yoo tahan, gumaacha raayya ittisa biyyaafis kennuu Kantiibaan Magaalaa Asallaa Gebree Urgeessoo VOA’tti dubbatanii jiru.

Abdulkariim Ahmed Arsii Aanaa Xiichoorraa dhufee hiriira kanirratti argame. Rakkoo nageenyaa biyya keessatti mudataa jiruuf humna TPLF akka koamtu himee, mootummaan garee kanarratti tarkaanfii fudhachuun sirriidha jedha. Kanaafis hiriira deeggarsaa miseensota raayya ittisa biyyaaf hiriira kanarratti hirmaadhe jedha.

Alamituu Iminee Gadaa jiraattuu magaalaa Asallaati. Isheenis dargaggoonni gama nageenya biyyaa kabachiisuun mootummaa cina akka dhaabatuu qaban, mootummaanis kana qindeessuu qabaa jette. Kantiibaan magaalaa Asallaa Obbo Gebree Urgeessoo deeggarsa gosa adda addaan walitti qabameen dabalata dargaggoonni godinichaas raayya ittisa biyyaatti dabalamaniiru jedhan. Akka Obbo Gebreetti kanaan dura marsaa duraan Godinni Arsii sangoota 620 ol akka gumaache, amma ammoo sangoota 120 ol erguu himan

Tumsa Raayya Ittisa Biyyaaf Hiriironni Magaalota Oromiyaa Keessatti Gaggeeffaman
Tumsa Raayya Ittisa Biyyaaf Hiriironni Magaalota Oromiyaa Keessatti Gaggeeffaman


Obbo Gebreen Irra deebiin oduun ‘mootummaan dargaggoota dirqiin lolatti ergaa jira jedhu’ dhugaa miti jechuun dubbatu.

Hiriirri kun ammas Magaala Guddo Godina Baalee Roobetti llee gaggeeffamee jira. Hoogganaan biiroo Koomunikeeshinii Magaalaa Roobee Obbo Girmaa Mengeshaa jiraaattonni Godinichaa aanolee garagaraarraa dhufan hiriira kanarratti argamuu himan.

Dabalaniis, jiraattonni godinichaa gumaacha raayya humna ittisaaf kennuu eeranii magaalaa Roobee keessaa qofa dargaggoonni dhibba sadii ol raayya ittisa biyyaatti dabalamuu eeran. Godinni Baalees akka beeksisetti godinicha keessaa dargaggoonni 1300 ol raayyaa ittisa biyyaaf galmaayanii akka jiranis waajjirri Koomunikeeshinii Godinichaa VOA”f himeera.

Arsii lixaa magaala Shaashamanneettis hiriirumti wal fakkaatu gaggeeffamee jira. Obbo Baldaa Galatoo angawi mootummaa ka magaalaa shaashamannee walii galaan godina Arsii Lixaa keessaa dargaggoota kuma lamaa ol filamuu eeran.

Hiriirri biroon ka ture magaalaa Jimmaatti. Hiriira kaleessaa kanarratti jiraattonni godinichaa gumaacha adda addaa ka taasisanii tahuu, akkasumas dargaggoonni Jimmaa kuma afurii ol ta’an raayyaa ittisaatti makamuu Obbo Samaruddin Mahaammed Zeeyin; Itti gaafatamaan waajjira koomunikeeshinii Godina Jimmaa Sagalee Ameerikaatti himanii jiran.

Obbo Samaruddin dargaggoota kanaaf jaarroleen biyyaa sirna gaggeessaa taasisuufii himanii, walii galaan buusiin qarshii miiliyoona 4.5tti tilmamamu raayya ittisa biyyaaf walitti qabamuu eeran.

XS
SM
MD
LG