Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waa'ee Tasgabii-dhabinsa Benishaangul Gumuz, Aaanaa Matakkal Keessaa Hayyoonni Maal jedhu?


Faayilii - Namoota sababa walitti bu'uuinsatin Benishaangul Gumuz irraa buqahan
Faayilii - Namoota sababa walitti bu'uuinsatin Benishaangul Gumuz irraa buqahan

Naannoo Benishaangul Gumuz Godina Matakkal keessatti nageenyi dhabamuuf ittiin ka’insi isaa “Heerri naannoo sanaa, jiraattota saba Benishaangul hin tahiin mirga abbaa-lafaa tahuu dhorkatuu isaa ti,” jedhu, Piroofeesarri Gargaaraa Daamxoo Tasammaa.

Ogeessi seeraa, Obbo Tamasgeen Gammachuu immoo gama isaaniitiin, ibsawwan paartiilee garaa garaan bahan irraa kan ka’e, sabootni naannichaa keessumaa warri Gumuz, lafa isaanii waan dhaban waan itti fakkaatuuf wal dhabdeen uumama, jedhu.

Barsiisaa Daamxoo walitti bu’iinsa kana keessa jiddu-seentummaan HIWEHAT akka jirutti amanu, Obbo Tamasgeen ammoo “rakkoon kanuma hooggantoota mootummaa ti,” jedhu. Dhimmichi furmaata siyaasaa akka barbaadullee dubbatu - Hayyootni kunneen.

Gabaasaa guutuu caqasaa

Waa'ee Tasgabii-dhabinsa Benishaangul Gumuz, Aaanaa Matakkal Keessaa Hayyoonni Maal jedhu?
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:34 0:00


XS
SM
MD
LG