Xurree ittiin seenan

Breaking News

Wal-falmii Xumuraa Traamp fi Baayden Irratti Waa’een COVID 19 Dubbii Ijoo Ture  


Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis – Doonaald Traamp fi Paartii Dimookiraatotaa irraa dorgomaan isaanii – Joo Baayiden, kaleessa halkan, kutaa Tenesii, magaalaa Naashviil keessatti wal-falmii duula filannoo prezidaantummaa isa xumuraa geggeessanii jiran.

Wal-falmii Xumuraa Traamp fi Baayden Irratti Waa’een COVID 19 Dubbii Ijoo Ture
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:09 0:00

Maayik O’Sulivaan akka jedhutti, filannoon prezidaantummaa geggeessamuuf torban lamaa gadi ennaa hafetti ka geggeessame – wal-falmii marsaa lammataa fi ka xumuraa kana irratti mata-dureen wal-falmii inni jalqabaa, waa’ee COVID 19 ture.

“Kun dhukkuba daddabraa guutummaa addunyaa waliin gahe. Guutummaa addunyaa mara irra jira. Yeroo ammma biyyoota Awurooppaa fi bakkkawwan biroo mara keessatti lakkoobsi namoota qabamanii ol ka’aa jira,” jedhan, prezidaant Traamp.

Daawaan Talaalii akka yeroo dhihootti qophaa’u dubbatan. Kaadhimamaan paartii Dimookiraatii – Joo Baayiden immoo, yeroo lammiwwan Ameerikaa kuma dhibba lamaa fi kumni digdamni vaayirasii kanaan du’anitti, waa’een dawaa talaalii ka baay’ee boodatti harkifate – jechuun qeeqan. Dhimmota ka biroo akka daldalaa fi malaammaltummaa irrattilee wal-falmanii jiran – kaadhimamtoonni lameen. Gabaasaa guutuu caqasaa.

XS
SM
MD
LG