Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waldaan Qorannoo Oromoo Kora Isaa Waggaa Gaggeesse


Waldaan Qorannoo Oromoo Kora Isaa Waggaa Gaggeesse
Waldaan Qorannoo Oromoo Kora Isaa Waggaa Gaggeesse

Waldaan Qorannoo Oromoo (OSA) Kora isaa waggaa xumura torban darbee irra Adooleessa 29-31 bara 2016 tti Waashiington Dii Sii keessa ka jiru Yunivarsitii Hawaard keessatti gaggeessee jira. Waldaan Qorannoo Oromoo eega hundeeffamee barana waggaa 30 kan guute yoo ta’u, kora baranaa kana irratti mata- dureelee adda addaa irratti hayoonni waraqaa qorannoo dhiyeessan akkuma jiran, kanneen biyya irraa dhufanii itti hirmaatan illee jiru.

Waldaan kun jalqaba yeroo hundeeffame seenaa, adaa, jiruu fi jireenya Oromoo kan ilaaleen barreeffamoota sirrii hin ta’iin maxxanfamanii gabaa irra oolan dura dhaabachuun seenaa sirrii kan maalummaa eenyummaa Oromoo calaqqisu ifa gochuuf akka ta’e hayyoonni gameeyyiin ibsanii jiru.

Dhaloonni borii waan jalqabamee kana irratti hirkatee seenaa jiru gara fuula duraatti gama tarkaanfachisuun itti gaafatamnii guddaan akka irra jirus ibsamee jira. Hayyoonni biyyoota alaa keessa jiran kanneen biyya keessa jiran waliin hariiroo jabeeffachuun akka barbaachisus dubbatamee jira.

Marii gaggeeffame guutummaa isaa caqasaa.

Waldaan Qorannoo Oromoo Kora Isaa Waggaa Gaggeesse
please wait

No media source currently available

0:00 0:15:38 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG