Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walitti Bu’iinsi Wallaggaa Bahaa Keessatti Lubbuu Galaafate Qoratamaa Jira: Bulchiinsa Aanaa Sibuu Siree


Sambata darbe jechuun Hagaya 11 bara 2008 godina wallaggaa bahaa aanaa sibuu siree bakka cingii ganda Machaaraa walii galtee jedhamu keessa ka jiraatan namoonni Fitsuum Mahaarii fi obbo Haftuu jedhamu ajjeefamuu isaanii jiraattonni naannoo fi bulchiinsi mirkaneessee jira

Ajjeechaan raawwatame kun qoratamaa jiraachuu fi shakkamtoota kanneen jedhaman to’annaa jala ooluu isaanii bulchaan aanaa sibuu siree obbo Abarraa Yaadataa nuuf ibsaniiru.

Namoonni ajjeefaman kun waggoota dheeraaf ganda Machaaraa Walii Galtee jedhamu keessa jiraataa kan turan yoo ta’u hawaasa naannoo waliin nagaan jiraataa akka turan jiraatonni nuuf ibsaniiru. Maqaa Qeerroo Oromoo balleessuuf jecha bakka walitti bu’iinsi kun uumamee gara lafa gabaa magaalaa Cingii dhufan jedhu jiraattonni.

Ganda keessa jiraataa turan keessatti namoota waliin walitti bu’iinsa qabaataa turuu isaanii kan dubbatan jiraattonni dubbiin kan ka’e Cingii bakka lafa gabaatti miti jedhu.

Bulchiinsi aanaa Sanaa akka nuuf himetti namni kun kana dura lammii Oromoo tokko ajjeesee hidhaa keessa akka ture odeeffannoo qabaachuu isaanii dubbatanii tarii haaloo ba’iinsi maatii nama du’ee jiraachuu mala garuu qoratamuu qaba jedhan.

Kana irraa kan hafe garuu walitti bu’iinsi gosoa gidduutti akka uumametti namoonni afarsuu barbaadan oduu kijibaa ti jedhan.

Walitti Bu’iinsi Wallaggaa Bahaa Keessatti Lubbuu Galaafate Qoratamaa Jira: Bulchiinsa Aanaa Sibuu Siree
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:00 0:00

XS
SM
MD
LG