Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yeroo Tokkotti Dhimma Lamaaf Sagalee Kennuun Rakkoo Mitii: Bordii Filannoo 


Itiyoophiyaa Kibba Dhiyaa keessatti kan argaman goodinaaleen 5 fi aanaan addaa tokko bulchiinsa naannoo ta’uuf gaaffiin dhiyeessan irratti uumatnii gaafuuma filannoo guutuu biyyaa sana sagalee irratti kennuu kan danda’uu ta’u bordiin filannoo Itiyoophiyaa beeksisee jira.

Gorsituun dhiimmootii komunikeeshinii bordii filannoo Aaddee Soliyaanaa Shiimallis akka jedhanti uummanni bulchiinsa naannoo ta’uuf sagalee kennuun akkasumas filannoo guutuu biyyaa isa 6ffaaf sagalee kennuun lachuu gaafuuma tokko gaggeessun waan wal danquu hin qabu.

Godiinaalee gaaffii bulchiinsa naannoo tokko ta’u dhiiyeessan kun Godiinoota Kafaa, Shakkaa, Daa’uroo, Beench Shakkoo, Omoo dhiyaa fi aanaa addaa Koontaa ta’u gabaafamee jira.

XS
SM
MD
LG