"Qaataar Shororkeessummaa Gargaarti" Jechuudhaan Biyyoonni Jaha Hariiroo Dippiloomaasii Irraa Kutatan

  • VOA

"Qaataar Shororkeessummaa Gargaarti" Jechuudhaan Tokkummaan Imeretoota Arabaa fi Biyyoonni Kaan Afur Hariiroo Dippiloomaasii Irraa Kutatan

Qaataar shororkeessummaa gargaarti – jechuudhaan, Saawudii-areebiyaan, Masriin, Tokkummaan Imeretoota Arabaa, Yemenii fi Maaldvis, har’a, hariiroo dippiloomaasummaa irraa kutatanii jiran.

Ministriin Dhimma-alaa Qaataar immoo, tarkaanfiin biyyoonni kun fudhatan, “kan hundee qabatamaa hin qabnee fi odeeffannoo hin mirkaneeffamiin irratti hundaa’ee fudhatame – jechuun mormii isaa dhageessise.

Dippioomaatota isaanii akka Qaataar keessaa baasanii fi biyya zayita boba’aan duuretti taate kana irraa, geejjiba qilleensa irraa fi galaana irraa akka irraa kutan beeksisan – biyyoonni Giddu-galeessa Bahaa kun.

Masriin, akka Ambaasaddarri Qaataar sa’aatii 48 keessatti biyya ishee gad-lakkisanii ba’an akeekkachiisa kennite. Biyyoonni Galoo Pershiyaa immoo, lammiwwan Qaataar, guyyoota 14 keessatti akka biyya isaanii gad-lakkisanii ba’an akeekkachiisan baasan.

Humnoota wal-taaatotaa Mootummaa Yemen deggeruun lolan kan hooggantu – Saawudii Arabiyaanis, akka humnoonni Qaataar waraana sana keessaa ba’an ajaja kennitee jirti.