Filannoo Angolaa Paartiin Biyya Bukchaa Jiru Sagalee Harka 60 Oliin Akka Injifate Himame

  • VOA

Paartiin taayitaa mootummaa harkaa qabu, kan Angoolaa filannoo dheengadda biyyattii keessatti geggeessame injifachuudhaan, akkuma taayitaa qabatetti itti fufee jira. Kun immoo, ka paarticha bakka-bu’uun dorgoman – ministarri ittisaa biyyattii duraanii Zyuwaa Loorensuu akka prezidaantummaa fudhatan raggaasiseefii jira.

Akka Komishinni filannoo biyyoolessaa jedhutti, Sagalee filannoo biyyoolessaa lakkaawameen, paartichi mootummaa – MPLAn, sagalee dhibba keessaa harka jaatamii ol injifate. Paartiin mormituu – UNITAn, dhibba keessaa harka 26 fi qabxii toorba argachuun lammaffaa tahe.

“Sagaleen kenname guutummaatti lakkaawamee jira, jechuun ni danda’ama” jedhu – dubbi-himaan Koomishinbicha filannoo.

Jalaqaba irratti yeroo ba’iin sagalee labsamu mormii isaa ka dhageessisee ture – paartiin mormituu ijoon, UNITA-n, lakkoobsa walabaa gama isaatiin geggeeffateen lakkobsi sagalee inni argate kan labsame san aka caalu ta’uu dubbatee ture. Garuu, dhimma kana gara mana-murtiitti geessuu fi dhiisuu ilaalchisee waan dubbate hin turre.

Zyuwaa Looreensuu, akka prezidaanticha waggoota 38 biyyattii bulchan – Hosee Edwaardoo Dos Saantos irraa itti fufanii biyyattii hoogganan ka filate – paarticha mootummaa – MPLA dha.

MPLA-n filannoo sana injifate iyyuu, ba’iin sagalee inni argatee ka filannoolee durii irraa baay’ee gad-bu’aa akka tahe beekamee jira.