Godina Qellam Wallaggaa Keessatti Angawoota Hidhuun Itti Fufee Jira. Jiraattoota

  • Jaallannee Gammadaa

GodinaQellem-wallaggaa magaalaa Gidaamii fi Dambi-Doolloo keessatti Koomaand Poostiin aangawoota hidhaa akka jiran jiraattonni dubbataa jiru.

Bulchaan aanaa Gidaamii Obbo Gammadaa Milkiyaas waraanni ABO waraana mootummaa Itiyoophiyaa irratti haleellaa gaggeessee jechuun raadiyoo sagalee Amerikaaf ibsite jedhamuun dorsiifamaa eega turanii booda lafa itti dheessanii turan magaalaa Dambii Doolloo keessaa qabamuu dubbatu jiraatonni.

Komaand postiin garu itti gaafatama itti kenname gadhissee waan badaniif bakka itti argamanti to’annaa jala oolan jedha. Magaalaa Gidaamii keessatti Wiixata kaleessaa miseensa KFO kan ta’an Obbo Malkaamuu Baacaa humnootii Komaand Postiin qabamanii eessa buuteen isaanii dhabamu jiraattonni dubbatanii jiran.

Oboo Malkaamuun ammaan duras waggaa tokkoo yeroo caaluuf Maakalaawii keessatti hidhamanii kan turan akkasumas sana duras magaalaa Dambii Dolloo keessatti hidhamanii akka turan ibsamee jira.Komaand Post garu hidhamuu Obbo Malkaamuu Baacaa kan ilaaleen odeeffannoo hin qabu jedhee jira.

Gama kaaniin bulchaan magaalaa Dambii Doolloo Obbo Daani’eel Taraddaa fi itti aanaa bulchinsaa fi nageenya godinaa kan ta’an Obbo Xaggaayee Waaqjiraa komaand postiin eega to’’annaa jala oolchee bubbuluu isaa jiraattonni magaalatti ibsanii jiru.

Kana Malees miseensoonni polisii fi abbotiin qabeenyaa magaalatti keessatti to’annaa jala jiran hedduu ta’u jiraattonni ibsanii jiru.

Obbo Daani’eel fi Obbo Xaggaayeen yeroo labsii hatattamaa hojii irra oolee jirutti odeeffannoo soba ta’e sabaa himaaf waan kennaniif to’annaa jala oolan jedha komaand postiin magaalaa Dambii Doolloo irraa.

Gabaasa Guutuu Caqasaa.

Your browser doesn’t support HTML5

Godina Qellam Wallaggaa Keessatti Angawoota Hidhuun Itti Fufee Jira. Jiraattoota