Uffata Aadaa Oromoo Guyyaa Ayyaanaa fi Cidha Qofa Otoo Hin Taane Yeroo Mara Uffatamuu Danda’uu Qaba:Mooyii Xilaahun

  • Jaallannee Gammadaa

Uffata Aadaa Oromoo Guyyaa Ayyaanaa fi Cidha Qofa Otoo Hin Taane Yeroo Mara Uffatamuu Danda’uu Qaba:Mooyii Xilaahun

Uffanni aadaa bifa hojiif toluutti yoo qophaa’ee akkuma uffata ka biroo guyyaa guyyaan uffatamuu danda’aa jechuun Mooyii Xilaahun ibsitee jirti. Dizaayinii uffataa baasuun ooguma kan qabdu Mooyiin uffata aadaa oromoo bifa aadaa fi ammayyaan qopheessitee Dilbata Fullee keenyaa jechuun Ebla 21 bara 2019 magaalaa Finfinnee keessatti dhiyeessuuf akka jirtu dubbatte.

Warri jalqaba uuffata aadaa Oromoo dhiyeessuu jalqaban rakkoo guddaa keessa darbaa akka turan amma garu deemsa waggootii dheeraa booda foyya’uu isaa ibsistee jirti.

Ummanni Oromoo kan ofii kabajee uffata aadaa uffachuun daran dabalaa ka jiru ta’u fi kanneen biyya alaa keessa jiraatan ituu hin hafiin gara biyyaatti nama ergachuun akka bitatan dubbatte Mooyiin.

Gara fuula duraatti warshaa huccuu dhaabuun uffata aadaa sadarkaa isaa eege omishuun fedhii biyya keessaa fi alaa guutuuf fedhi kan qabdu ta’u aaddee Mooyii Xilaahun ibsitee jirti.

Hojii Oromoon gaggeessu kan bifa garaa garaa keessatti rakkoon mudatu Isponsara dhabuu akka ta’e ibsitee jirti.

Gaaffii fi deebii gaggeeffame caqasaa.

Your browser doesn’t support HTML5

Uffata Aadaa Oromoo Guyyaa Ayyaanaa fi Cidha Qofa Otoo Hin Taane Yeroo Mara Uffatamuu Danda’uu Qaba:Mooyii Xilaahun