Matakkalitti Qaamoleen Naga-eegumsa Meeshaa Waraanaa Seera Qabeessa Tahe Hawaasa Oromoorraa Hiikkachiisaa Jiraachun Himame

Naannoo Benishaangul Gumuz Godina Matakkal aanolee sadii keessatti, sababaa deggersa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin wal qabatuun “dhalattootni Oromoo osoo mana murtiitti hin dhiyaatin baatiiwwaniif akkasumas torbanootaaf hidhamuu, maatii keessaa VOAtti dubbatan.

Your browser doesn’t support HTML5

Matakkalitti Qaamoleen Naga-eegumsa Meeshaa Waraanaa Seera Qabeessa Tahe Hawaasa Oromoorraa Hiikkachiisaa Jiraachun Himame

Aanaa Dibaaxiitti, maanguddoon waggaa 85 fi mucaayyoon ilma isaanii shamarree waggaa 14 erga hidhaman torbanootni lama darbuu, ilmi maanguddoo kanaa. Kana malees, qaamoleen naga-Eegumsa mootummaa meeshaa waraanaa seera qabeessa tahe, hawaasa Oromoorraa hiikkachiisaa jiru jedhan, jiraataan Godina Matakkal ka biraan. Itti gaafatamaan Waajjira Dhimmoota Komunikeeshinii Naannoo Benishaangul Gumuz Obbo Mallasa Bayyana “Namootni hidhamuu quba hin qabu” jedhanii, waa’ee meeshaa Waraanaan Wal qabatee garuu, “ABO Shaneen meeshaa waraanaa qonnaan bulaarraa fudhatee waan rakkoo Nageenyaa uuma jiruuf, hanga aanaaleen kunneen tasgabba’anitti mootummaan bifa galfataan ol kaa’aaf” jechuun dubbatan.

Dubbi-himaan Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Lixaa Bilisummaa Guutaa immoo, “WBO’n Oromiyaa keessa socho’a malee Naannoo Benishaangul Gumuz keessa hin jiru” jedhan. Gabaasaa guutuu caqasaa.