Bulchiinsa Naannoo Somaalee Barcuuma Mana Maree Naannoo Dabalee Jira

  • VOA

Faayiilii - Pirezdaantii Naannoo Somaalee

Paartiin Badhaadhinaa kan bulchiinsa naannoo Somaalee kaleessa walgahii gaggeesseen barcuuma mana maree naannoo irratti 25 akka dabalamuuf murteessuu isaa waajirri komunikeshinii naannoo sanaa beeksisee jira.

Murtii kana irra kan ga'amees filannoo bara 2007 booda aanaalee haaraa sararaman waan jiraniif jecha isaaniin itti dabaluuf yaadameetu jedhamee jira.

Bulchiinsii naannoo somaalee ammaan dura bakka bu'oota 275 kan qaban yoo ta'u filannoo gaggeeffamuuf jiruu irratti bakka bu'oota 300 qabaatu jechuun Addis Chekool gabaasee jira.