Abee Dongorootti Namoonni 30 Caalan Ajjeesaman, Jedhu Namoonni AKka Ijaan Argan Dubbatan

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abee Dongorootti, Gurraandhala 26, Sanbata Xiqqaa darbe Irraa jalqabee Lammiileen meeshaa hin hidhatin 30 caalan Hidhattoota bosona keessa socho’aniin ajjeefaman jechuun, namootni ijaan argine jedhan dubbatan.

Your browser doesn’t support HTML5

Abee Dongorootti Namoonni 30 Caalan Ajjeesaman, Jedhu Namoonni AKka Ijaan Argan Dubbatan

Warri ijaan argine jedhan kunneen, ajjeechaan kun dhalattoota saba tokkoo qofaarratti kan xiyyeeffatedhas jedhan.

Dhimma kanarratti yaaliin hanga’oota Godina Horroo Guduruus tahe naannoo Oromiyaa bilbilaan dubbisuuf goone ammaaf hin milkoofne.

Gama biraan, ajajaa hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo ofiin jedhanii fi mootummaan immoo ‘ABO Shanee’ jedhee waamu, maqaa Jaal Marrootiin Kumsaa Dirribaa, “Waraanni Bilisummaa Oromoo, nama hidhatee qawwee hidhatee nu fuuldura dhaabbatu malee Uummata nagaatti hin buune, yoom illee ittin buunu” jedhan.