Aseesaa - Sirba Aadaa Shamarranin Birraatti Sirbamu

Artiist Hawwii Tazarraa Qunnii hookan Ingiccaa qabatee

Aseesaa... goofaaree gootaa.... abaaboon dhootee hooda...birraan bariitee hooda...

Booruun gannaa darbee booqaan birraa yeroo dhufu, yeroon birraa, shamarran eddu-gala Oromiyaa biratti hiikaa addaa qaba. Haawaasni waliigala Irreechaa, ateetee, wadaaja fi sirnoota adda addaa akkuma amantiifii fedhii saatti oggaa kabaju, shamarranii fi ijoolleen dubaraa xixinnoon immoo guyyaa buqqisaatif Fulbaana tokko of fuunduratti lakkahatii eeggan.

Your browser doesn’t support HTML5

Aseesaa- Sirba Qaameetti Shamarran Sirban

Dubaraaf, wayaa haaraatu bitamaaf. Fulbaana tokkoo immoo hiriyoota ofii wajjiin wal arganii wajjin, “Aseesaa goofaaree gootaa abaaboon dhootee hooda...birraan bariitee hooda - jechuudhan sirbaanii gammadan. Manarra deemanii ingiccaa hiraatii dhadhaa fi maallaqa badhaafaman.

Artiis Hawwii Tazarraa sirba aadaa kana godinoota Shawaa keessaa qorachuudhan mana muuziqaatti qindaahe akka hojjatamu gootetti. Ammas, irratti hojjachaa jiraachuu dubbatti. Gaafiifi deebii artiist Hawwii wajjin godhame dhaggeeffadhaa.​

Your browser doesn’t support HTML5

Aseesaa - Sirba Shamarran Qaametti Sirban